Sulultaatti Mana Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Diiguun namoota 17 hidhan.

  • Sulutaatti Mana amantaa Hordoftoota Waaqeffannaa naannichaa caccabsuun namoota amantaa sana hordofan 17 ukkaamsan.
  • Caamsaa 15/2023
  • Aanaa Sulultaa caancootti Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddugala Giddugaleessaa Konyaa Sulultaa Galma Waaqeffannaa Tulluu Buubaa magaalaa Caancootti argamuutti halkan edaa sa’aati 3:00-4:00 gidduutti qaamni nageenyaa seenuun Waaqeffattoota sagantaa Waaqeffannaa irraa baay’inaan 17 ta’an hidhan. Kana malees qabeenya Galmaa sanadootafi Galmeewwaan dabalatee kan fuudhaniidha.Waaqeffattootni kunniinis:-
    1.Jabeessaa Badhaasaa gaggeessaa Kutaa Odiitiifi Too’annoo Galmichaa
    2. Tasfaayee Kabbadaa … Barreessaa Kutaa Barnoota Galmaa
    3. Kaasuu Baqqalaa … Abbaa Herreegaa
    4. Abarraa Asaffaa … Gaggeessaa faayinaansii
    5. Bilisummaa Getaachoo Itti Aanaa Barreessaa Galmaa
    6. Masfin Addunyaa … miseensa
    7. Addeessaa Axinaafuu miseensa
    8. Darajjee Margaa miseensa
    9. Asheetee Hinsarmuu miseensa
    10. Galaanaa Kabbadaa miseensa
    11. Dassuu Olaanaa miseensa
    12. Guutaa Kabbee miseensa
    13 Wabii Fullaasaa miseensa
    14. Feenet Fullaasaa miseensa
    15. Waanofii Fullaasaa miseensa
    16. Gammachuu Axinaafuu miseensa
    17. Balaachoo Fullaasaa miseensa

    Kana malees baarjaa akeektuu fi agarsiiftuu Galmaa; qixa mul’atu kanaan kanneen jibba amantichaa qabanifi miidhaan kun akka dhaqqabu taasisaniin cabsani kuffisaniiru.

    Waluma galatti walqixxummaan amantiilee heeran lammiileef raggaasifame Waaqeffannafis akka kabajamu ni gaafanna!

    Biyyi roobaa nagaa
    Gadaan quufaa gabbina nuuf haa ta’u!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *