Duulli tarsiimawaan dhabbataan (strategical war) siyaasaaf jecha dhimma itti bahuun ummata Oromoo lafa irraa fixaa jiru

๐——๐—ถ๐—ถ๐—ป๐—ฎ ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ karooraa fi tarsiimoo nurratti qabu irra aanuuf dura nuti walitti firoomuu qabna.

Itoophiyaan Oromootti diina innikkaa kan taateef biyya โ€œ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎโ€ jedhamtu ijaarrachuu akka hin dandeenye danquuf humna keenya hiruu fi yaada keenya qircuun karoora tarsiimoo yeroo dheeraatiin nuffii fi abdii kutannaa malee hojjataa turan. Hojjataa jiru.

Kanaaf diina innikkaa Oromoo kan taate itoophiyaa hiddaan buqqisuu fi diina innikkaa irra aanuuf Oromoon onneerraa walitti firoomuun farra Oromummaa kan tahe ilaalcha itoophiyummaa irratti xiyyaafachuuf dantaa, fedhii fi yaada of tahuu isa nama hanqisurraa bilisa of baasee gadaantummaa karra sagal isa dhaabu ofirraa kuffisuu qaba.

Diinotni innikkaa Oromoon qabu fira fakkaatanii akka dantaadhaaf wal dhabnu, akka yaadaan wal dhiibnuu fi akka hiree tokkotti waliin qabnu waliif hin tiksine guddinaa fi dagaagina yaadaa nu jalaa hoongessuuf gama hundaan nurratti hojjachaa turan. Ammas jabaatanii walii keenyarratt diddaan akka dagaagu godhuutti argamu.

Mirgoota xixiqqoo kaleessa dhabnee coba dhiigaa fi caba lafee keenyaatiin arganne kennaa fakkeessanii nutti dhiheessuun shira afaan-faajjeessaa uumanii akka haqaa fi dhugaa dagannee dharaan wal dura dhabbannu taasisuuf Ummataa fi lammiilee Oromiyaa keessatti burjaajii uumuun daranuu akka ulfaatu taasisaa jiran ija bilchinaatiin ilaaluu feesisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *