March 8 Guyyaa Dubartootaa Ilaalchisee Ibsa ABO

๐itootessa 8 Guyyaa Dubartootaa Ilaalchisee – Ibsa ABO
Bitootessi 8 (March 8) Guyyaa Dubartoota Addunyaa ti;

Dubartoonni baga guyyaa kanaan
isin gahe; waliinis geenye.
Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti gama hundaanuu shoorri dubartoonni kennan akkaan olโ€™aanaa dha. Dubartoonni mana ijaaruu irraa qabee hanga biyya ijaaruutti qoonni
kennan laakkaawamee hin dhumu. Hawaasa keessatti haadha,obboleettii fi ilmoo tahuun
kabajaa fi ulfina guddaa qabu.
Qooda maatiin bahatu bahachuu cinaatti, warroomanii mataa lama tahuun jiโ€™oota 9 garaatti baatanii, dahanii guddisuuf buโ€™aa bahii hedduu keessa darbanii, mana keessatti maatii ijaaruun buโ€™uura tahu. Hawaasummaa, diinagdee fi siyaasa keessatti qooda ifaa fi mulโ€™ataa qabaachuunis dubartoonni utubaa maatii fi biyyaa ti.

Sirna Gadaa Oromoo keessattis dubartoonni kabajaa fi ulfina qabaniin, haadha Siiqqee taโ€™anii rakkoo qeโ€™ee keessatti dhalate irraa qabee hanga sadarkaa biyyaatti jiru araara buusuun furuun beekamu.
Seenaa biyyoota/saboota gabroomanii gabrummaa jala turanii fi jiranii keessattis dubartoonni, dubartummaan isaanii osoo isaan hin daangessin, gaaffii mirgaa fi
dimokiraasiif, walqixxummaaf, kabajamuu mirga dhala namaaf, qabsoo roga hundaan godhamaa ture keessatti hirmaatnaa olaanaa qabu.

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dubartoonni Oromoo iddoo olaanaa qabu;qooda mulโ€™ataas kennaa turan; harโ€™as kennaa jiru. Isa bilisummaa biyyaaf, kabajaa
sabummaaf falmu haga wareega lubbuutti qabsoof gumaachuu qofa osoo hin taane, ofiis hidhatanii waliin dhaabbatanii loluu fi lolchiisuu dabalatee siyaasa keessattis qooda
fudhataa turaniiru; ammas itti jiru.
Dubartoonni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qooda fudhataa turanii fi jiraniin, darbees Oromoo taโ€™uu isaanii qofaan, weerartootaa fi mootummoota Impaayera Itoophiyaa dhufaa darbaan Oromummaa isaaniin yakkamuun harma muramaniiru.

Abbaa warraa kee, obboleessa kee, ilma kee nutti duulchifte jedhamanii itti roorrifamee gudeedamaniiru. Mana hidhaatti darbatamanii hiraarsi humnaa olii irratti taasifamee akka ilmoo hin arganne godhamaniiru. Ilmoo ishee ajjeesanii reeffa irra
teessisaniiru.
Mana hidhaatii baafamanii ajjeefamanii waraabessa nyaachifamaniiru.
Dhiittaa fi dhiibbaa itti hammaateen biyya isaanii irraa osoo baqatanii irbaata qurxummii fi allaattii gammoojjii tahaniiru.
Walumaagalatti dubartoonni Oromoo bilisummaa biyyaa fi saba isaaniif, dimokiraasii fi walqixxummaaf, kabajamuu mirga dhala namaaf, walqixummaa sabaa fi sablammootaaf falmii godhamaa turee fi jiru keessatti wareegama ulfaataa kaffalaniiru. Ammas kaffalaa
jiru.
Guyyaa Dubartoota Addunyaa, Bitootessi 8 (March 8) bara kanaa 2024, yeroo kabajamee oolutti, Addunyaan waldhabdee jiโ€™oopoolitikaa irraa kaasee hanga sadarkaa hiyyummaa olkaโ€™aa jiruu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hammaataa dhufeetti rakkoolee hedduu mudachaa jirti. Qormaatni kun dubartoota humneessuu qofaan furmaata argachuu dandaโ€™a.

Dubartoota irratti hojjachuun jijjiirama fiduu fi gara addunyaa fayya qabeessa, nageenya qabuu fi hundaaf walqixa taโ€™etti ceโ€™umsa saffisiisuu dandeenya jedhu yaada buโ€™uuraa godhachuun, Guyyaan Dubartoota Idil-addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin taโ€™uun dhaadannoo โ€œInvest in women accelerate progressโ€ guddinna saffisiisuuf dubartoota humneessuu, roga hundaan hirmaachuu qabu yaada jedhu qabatee baheera.
Guyyaan Dubartoota Addunyaa ganna 148ffaa, akka Itoophiyaatti 48ffaa kabajamee oola jiru kun, guyyaa addunyaa buโ€™aa hawaasummaa, dinagdee, aadaa fi siyaasaa keessatti qooda
mulโ€™ataa akka qabaataniif kan akeekkatee dha.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) Bitootessa 8, guyyaa dubartoota addunyaa bara kanaa 2024 baga geessan gaafa jedhu, dubartoota Oromoo qofa osoo hin taane, Impaayera Itoophiyaa keessatti, keessaahuu waggoota shanan darban kana keessatti bulchiinsa
mootummaa paartii Biltsiginnaa jalatti siyaasaan, waraanaan, dinagdee fi hawaasummaan
miidhama olaanaaf kanneen saaxilaman hunda gidiraa fi dhiphina gama hundaa keesssa jiran hubatuu irraa ti.

Warri waraana irratti labsame jala turee fi jiru, kanneen qaamaa qalbiin itti cabdanii maatii duuchaa itti dhabdan, boqonnaa nageenyaa kan dhabdan, lammiileen Oromiyaa waraana Biltiginnaan kabajaan namummaa keessan isin irraa mulqame, dubartoonni Oromoo
kanneen golee Oromiyaa hunda keessatti warra aangoo afaan qawween dhunfateen haara
galfii dhabdanii hiraarfamtan, walumaagalatti sabaa fi sab-lammoonni biyyattii kanaa cufti
haala ulfaataa fi rakkisaa keessa dabartanii fi keessa jirtan keessatti irra deebiin baga geessan jechuu feena.
Addi Bilisummaa Oromoo dubartoota cufaan baga Bitootessa 8 guyyaa dubartoota addunyaa geessan yeroo jedhutti, dubartoonni biyya kanaa, lammiileen Oromiyaa, addatti
dubartoonni Oromoo eenyummaa keessaniin yeroodhaa yerootti yakkamuun hiraarsi ulfaataan isin irra gahaa turee fi jirtan, hiraarsii fi hammeenyi diinni isin irratti raawwatu osoo isin hin daangessin xiiqii horachuun mirga namummaa fi mirgi dimokiraasii keessan
kabajsiifachuuf yeroon kun yeroo kam iyyuu caalaa yeroo itti jabaattanii hojjattanii dha jennee amanna.

Akka waliigalaatti ammoo dubartootni guutuu biyyattii rakkoo fi danqaa gama hundaa yeroo ammaa biyyattiin keessatti kuftee jirtuu fi ofiifis ittiin hiraaraa jirtan kana keessaa bahuuf, dimokrasii dhugaa fi walqixxummaatti amanuun, waliin gama nageenya amansiisaatti cehuuf, waan barbaadnu irratti walabaan murtii kennachuuf sagaleen keessan qooda mulโ€™ataa waan gumaachuuf, sagalee keessan ol kaasaa dhageessisaa jenna.

Xumura irratti ABOn, dubartoonnii fi shamarran Oromoo har’as sababa eenyummaa isaaniitiin akkasumas sababa ilaalcha siyaasaatiin cunqurfamaa fi hidhaan dararaman akka mirgi namummaa fi mirgi dimokiraasii isaanii kabajamuuf cimsee gaafata.

Haawwanis/shamarranis mirga isaanii gama hundaa fi karaa maraan kabajsiifachuuf sodaa fi birโ€™annaa tokko malee ijaaramanii akka falmatan, deemsa qabsoo bilisummaa saba isaanii keessattis gaโ€™ee isaanii akka ol kaasan hiree kanaan yaamicha godha.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 08,2024
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *