Salaalee Yaayyaa Gullalleetti waraanni murna pp lubbuu namootaa galaafate qabeenyaas barbadeesse

Godina Salaaleetti Lola #WBO fi waraanaa pp gidduutti adeemsifameen lubbuun namoota nagaa darbe.

Godina Salaalee Yaayyaa Gullalleetti guyyaa har’aa Amajji 3/2025 Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi Waraana PP gidduutti ganama irraa qabee gaggeeffameen lubbuun namoota nagaa fi qabeenyaan ummataa barbadaa’uu jiraattotni nuuf himan.

Lolli kun kan gaggeeffame meeshaalee gurguddaan tahuu nuuf himuun Maddi keenya kun waraanni PP ummata nagaa isintu WBO gargaara akka inni as keessa socho’u jedhanii namoota nagaa qe’ee isaanii irraa fuudhanii reebuun manneen hidhaatti guuraa kan turanii fi garuu immoo akka ajjeesanis nuuf himaniiru.

Baay’ina namoota wareegamanii Lola hamaan waan jiruuf adda baasuun rakkisaa tahus namootni ajjeefaman hanga 5 olii tahuu akka dandahanii fi qabeenyaan ummataa hedduunis barbadaahuu nuuf himaniiru.

Araarri dhugaan gama Mootummaan Abbaa Irree Abiyyiin durfamu dhibuun araara kijibaan waraanni galeera jechuun nagaaf bakka kennuu dhabuun tibbana Godina Salaalee aanaalee hedduu keessatti lolli cimaan WBO fi Murna Waraana PP gidduutti adeemsifamaa jiraachuu jiraattotni nuuf himaniiru.

Murni PP Araara nagaaf bakka kennuu dhiisee Tirga (qumaara) siyaasaaf olola miidiyaan oofuun alatti ajjeechaa fi hidhaan haalaan sabboontota irratti murna ppn adeemsifamaa jira.

Tibbana murni pp magaalota Shaggar keessatti konkolaachoftoota #baajaajii fi #gaarii dirqamaan leenjii milishummaa fudhattan malee hojjechuu hin dandeessan jechuun dararaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Namootni waraqaa ragaa leenjii milishummaa leenji’uu argisiisu hin fudhanne ykn qabaanne baajaajiis tahe gaarii magaalaa shaggar keessatti hojjechuu akka hin dandeenye murni pp himanii jiraachuun jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa uumeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *