Arsii Bahaatti hordoftootni Amantaa Orthodox 25 ajjeefaman jechuun Manni Amantaa Sinodosii Itiyoophiyaa balaaleffate

Manni Amantaa Sinoodosii Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Ibsa baaseen ajjeechaa Arsii keessatti tahe balaaleffate.

Baatii Onkoloolessa  qofa hordoftootni Amantii Ortodoksii  namoonni  25 ajjeefamaniiru jedhe.

Akka Ibsa mana Amantii Sinoodosii Ortodoksiiti  namootni ajjeefaman nagaan osoo rafaa jiranii namoota qawwee hidhatanii kanneen eenyummaan isaanii hin beekamneen gara jabummaadhaan ajjeefamaniiru” – jedheera.

Manni amantaa ortodoksii Sinodoosii, “Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina  Arsii Bahaa Keessatti Aanota akka Gunaa,Martii, Shirkaa fi wabii Holonkoo jedhamu keessatti hordoftoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa Onkoloolessa 14 fi 15/2018 Aanaa Gunaa fi Martii keessatti Kiristaanonni 17 ,onkoloolessa 17-18/2018, Aanaa Shirkaatti Kiristaanonni 3, akkasumas Onkoloolessa 18-19/2018 Wabii Honqolloo  keessatti Kiristaanonni 5 kan ajjeefaman yoo ta’u, walumaa galatti ummanni keenya Ortodoksii 25 ta’an ajjeefamaniiru jedhe.

Sinodoosiin Orthodox Itiyoophiyaa gabaasa Waajjira Mana Lubummaa Arsii Bahaa irraa ergameen Biyyaa  fi lafa  isaanii irratti akka tasaa fi gara jabummaadhaan namoota qawwee hidhatanii Eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeechaan guyyaa guyyaan hammaataa dhufuu isaa gadda guddaa itti dhagahamuu ibsuun jabeessee balaaleffateera.

Gochi hammeenyaa akkasii irra deddeebiin Mana Lubummaa Arsii Bahaa keessatti raawwatamaa akka ture kan ibse Sinodoosi orthodox kun, “Gochi fokkisaan akkasii kun Caaffata Qulqullaa’oo keessattis ta’e mirga dhala namaa keessatti guutummaatti fudhatama kan hin qabne, mirga bilisaan waaqeffannaa heera mootummaatiin kenname kan sarbu, gatiiwwan hafuuraa keenya kan waldanda’uu fi wal hubannaa jiraachuu kan balleessu, akkasumas gocha safuu hin qabne ta’uu kan maludha” jedhee balaaleffateera.”

Qaamoleen mootummaa kallattiin dhimmi ilaallatu gocha namummaa hin qabne kana cimsanii balaaleffachuu fi mirga jireenyaa fi walabummaa amantaa heeraan mirkanaa’e kabachiisuu, namoota dhuunfaa seeraan alaa gocha fokkisaa kana raawwatan seeratti dhiyeessuun, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, akkasumas gochoonni seeraan alaa akkasii gara fuulduraatti akka hin deddeebi’amneef eegumsa seeraa barbaachisaa ta’e akka kennan Sinodoosii Orthodox Itiyoophiyaa dhaamsa dabarseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *