CAASAA ADDA BILISUMMAA OROMOO(ABO) BIYYOOTA ALAA
Oromo LIBERATION FRONT(OLF) GLOBAL CHAPTER
Gaafa: Lakk: 1-2026
9/14/2026
Ibsa 1-2026
Fulbaana 14, 2026
Caasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Biyyoota Alaa, Ibsa Caaseffama Haarayaa
Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) bu’uureffama isaa irraa eegalee maadheelee
addunyaa maratti horachuun baroota dheeraaf ummata Oromoo bakka jirutti
gurmeessaa tureera.
Oromootni bara 1970moota, 1980mootaa fi akkasumas hanga walakkeessa 1990mootaatti Aurooppaa fi Ameriikaa Kaabaa jiraatan bifa Caayaa Ummataatiin of gurmeessuun Aurooppaatti Tokkummaa Barattoota Oromoo Aurooppaa
(TBOA), Ameriikaa Kaabaatti ammoo Union of Oromos in North America (UONA)
quba-qabeenya ykn beekkamtii ABOtiin erga ijaaramanii booda isaan kun lameen
bakka dhaabichaa bu’uudhaan waa hunda biyya alaa keessatti hojjetaa turaniiru. Bara
1994/1995 irraa eegalee ammoo Biyya Alaa kanatti Caayaa Ummataa irraa gara
miseensummaa guutuutti jijjiiruun Caasaa ABO Biyya Alaa bifa hanga har’aatti
qabaatee as ga’ee fi waggoota 30 ol lakkoofsise kana kanneen duraan miseensota Caayaalee Ummataa turan bu’uura godhatuun Miseensota ABO Caayaa Biya Alaa ijaaree qabsoo kana geggeessaa as ga’e. Caasaan kunis baroota dheeraa kana
keessatti lafee dugdaa qabsoo bilisummaa Oromoo ta’uun tin’isa bifa hundaa kan
jechaan ibsamuu hin dandeenye raaw’atee jira. Hooggansi ol’aanaa ABO kan sadarkaa
Gumii Sabaa (GS), Shanee Gumii (ShG) Kora Sabaa Dhaabichaa irratti kanneen
filamaniin kan maddu yeroo ta’u Hoogganootni Kora Sabaa irratti filamanis Caasaa ABO Biyya Alaa dabalatee bakka dhaabichi maadhee qabu hundatti ramadamuun
hoogganummaa waaltawaa kenna as ga’an.
Kun utuu kanaan jiruu bara 2018 Hoogganni fi Waajjirri Muummee ABO Biyya Ollaa
maadheffatee hojii qabsoo geggeessaa ture wal-ta’iinsa mootummaa Itoophiyaa waliin
taasifameen qabsoo karaa nagaa Biyya Oromoo maadheffatee itti fufuuf murteeffate
keessatti Waajjirri fi Hooggansi Muummee ABO kun Finfinnee/Oromiyaatti deebi’uun
hojii qabsoo itti fufe.
Haalli biyyatti deebi’uu hooggana Dhaabichaa haal-dureewwan akka seera
addunyaattis (International norm) fudhatuu qabu keessaa Walabummaa Jaarmiyaa
(Organizational Autonomy) isaa eeggatee sochii siyaasaa karaa nagaa taasisu
keessatti seera fi heera biyya Itoophiaa fi qajeelfama Boordiin filannoo biyyaaleessa
Itoophiyaa baasu – akkuma Jaarmiyaalee Siyaasaa biroo – kabajuu kan jedhu dha.
Seerota akka aadaa siyaasaa biyyootni Walaba ta’anis (Sovereign States) ittiin hojjetankeessaa jaarmiyaan siyaasaa biyya mootummaa walaba qabu tokko keessatti socho’u nama lammii biyya sanaa hin taane suduudaan miseensa taasifatee sirna filuu fi filamuu keessatti hin hirmaachisu waan ta’eef ABOnis hanga biyya sana keessatti seeraan socho’uuf murteeffatetti seeera kana kabajuun waan hin oolle ta’e.
ABOn erga biyyatti deebi’ee seera kana hordofuun sochii itti fufeetii miseensota isaa
kanneen Caasaa Biyya Alaa keessatti waliin hojjetaa ture suduudaan miseensummaa
maadhee isa biyya keessaatti itti fufsiisuun waan hin danda’amneef kanneen
lammummaa biyya Itoophiyaa hin qabne Jaarmiyaa Siyaasaa Biyya Itoophiyaa
keessatti socho’u kamuu keessatti filuu fi filamuun akka hin danda’amne seera
biyyichaatiin waan daangeffame ta’uun ifaa dha.
Haala akkasii keessatti kanneen Miseensota ABO Caasaa Biyya Alaa turan erga Kora
Sabaa Jaarmayichaa irratti hirmaatanii filuu fi filamuu hin dandeenyee, darbees seera
biyya namaa cabsuunis waan mirga hin taaneef jecha akkaataa kamiin Qabsoo
Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu deggeruu akka itti fufan irratti maree dheeraa fi bal’aa taasisan.
Maree kanaanis waan irra ga’ame Caasaan ABO Biyya Alaa bifa waggoota 30n
darbaniin itti fufuun waan danqaa mudateef, miseensotni Caasaa Biyya Alaa akka
duraaniitti Kora Sabaa ABO waliigalaa kan Oromiyaa keessatti ta’u irratti hirmaatuun
filanii filatamuunis waan danqaa ta’uuf, Caasaan kun ammoo Qabsoo Bilisummaa
Oromoo ABOn durfamu utuu waan tokko hin sharafin itti fufuun amantaa isaa ta’uu
waan mirkaneeffateef, deggersa qabsoo lafee dugdaa ta’ee taasisaa ture itti fufuuf
hooggana biyyoota alaatti humna kana qindeessu qabaatuunis waan barbaachisaa
ta’eef, danqaaleen haala ammaa kanatti dhalatanis Jaallan Caasaa Biyyoota Alaa Kora Sabaa irratti hirmaachisuu akka hin dandeenye waan hubateef, akkaataa Biyyoota Alaa kanatti hooggansa mataa isaa maddisiifatu irratti waliif gale.
Bifuma kanaan Korri Caasaa ABO Biyyoota Alaa (Outside of the Ethiopian State
Jurisdiction) addunyaa mara irraa jila bakka bu’ootaa ergataniin Hagayya 4 fi 5 bara
2026 Magaalaa Minneapolis-Minnesotaatti taa’ee Seera Bulmaataa Caasaa ABO
Biyyoota Alaa raggaasifatuun Hooggansa Caasaa ABO Biyyoota Alaa filatee tartiiba
hojii lafa kaayyates xumuratuun milkaa’eera.
Kanaaf, Caasaan ABO Biyyoota Alaa:
Kora isaa 1ffaa Hagaya 4 fi 5, 2026 taa’e irratti Hooggana filateen namoota 39 kanneen Gumii Hoogganootaa (Seera ABO keessatti Gumii Sabaa isa jedhuun kan wal gitu) jedhamuun beekaman erga filatee booda kanneen hojii raaw’achiisan Koree
Hoji-Raaw’achiistuu (Seera ABO keessattis Koree Hoji-Raaw’achiistuu ykn Shanee
Gumii isa jedhuun kan wal gitu) kanneen 39-alan keessaa nama 9 filatee jira.
Kanatti Dabalee:
1. Caaseffamni isaa inni kanaan duras akka Godinaalee, Kutaalee fi Konyaaleetti
diriiree ture utuu hin jijjiramin kan itti fufu dha.
2. Caasaa hojii Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu biyya alaa keessatti
kan qindeessuu fi gurmeessu yeroo ta’u hojiileen Caasaa kanaa bifa kamiinuu
hojii ABOn waalta’iinsaan hojjetu kan utubuu fi deggeru malee kan faallessu miti.
3. Caasaa Sagantaa Siyaasaa ABO hordofuu fi Kaayyoo ABO bakkaan ga’uuf
hojjetaa turee fi hanga Qabsoon Bilisummaa Oromoo bakka ga’uttis kan
murannoon hojjetu dha.
4. Caasaan kun hojii muummee ABOn Oromiyaa irraa hojjetu kan kabaju, kan
dinqisiifatuu fi imaammata ABO fi waliigaltee ABOn humnoota Siyaasaa fi
mootummoota kamiinuu waliin taasifatee hojjetu kamuu utuu hin faallessin
deggersa barbaachisu hunda Qabsoo ABOn durfamuuf taasisuuf kan qindaa’e
dha.
5. Walumaagalatti qaama Qabsoo ABOn durfamuu ta’ee garuu sababii danqaalee
seeraa asiin olitti tuqamaniif Korri Sabaa ABO Fifinneetti taa’u hoggansa Caasaa
Biyyoota Alaatiif maddisiisuu sababii hin dandeenyeef ala kanatti Kora isaa
godhatee hooggana isaa aluma kana irraa kan filate dha.
Hubachiisa:
Caasaan ABO Biyyoota Alaa, Caasaa kanaan duras Kaayyoo ABO bakkaan ga’uuf
carraaqaa ture malee Jaarmaya haaraa akka hin taane hubatuun Sabni Oromoo
hubannoo dogoggoraa Caasaa Biyya Alaa kana akka Jaarmaya haaraa fi fallaa ABOtti
dhiheessuuf (portray) qaama kamiinuu yaalamuu malu irraa akka of tiksitaniif dursinee isin hubachiisna.
Waamicha Lammummaa:
Sab-boontotni Oromoo martinuu bakka jirtanitti Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn
durfamu deggeruun dirqama lammummaa ta’uu hubattanii, daandiin ABO daandii
jaarraa walakkaa oliif wiirtuu siyaasa Oromoo (The Mainstream Oromo Political
discourse) ta’ee deemaa kan turee fi har’as dhugaan kun kan hin faalla’in (Not falsified)
ta’ee dhugaa addunyaanis ragaa ba’u ta’uu beekuudhaan karaa Caasaa ABO Biyyoota
Alaa kana deggersa keessan akka itti fuftaniif waamicha lammummaa isiniif
dhiheessina.
Yaada, gaaffii fi gorsa qabdanis karaa maadheelee (Kutaa fi Konyaa) isinitti dhihaatanitti dhiheeffatuu fi gumaachuu akka dandeessan kabajaadhaan hubachiisna.
Injifatnoo Ummata Oromoof !!
Caasaa ABO Biyyoota Alaa
Fulbaana 14, 2026
Email: bareento@hotmail.com
Tel: 1647 780 1133