Gindabarat keessatti waraanni shiftaa pp abbaa fi ilma ajjeese
(SQ-Bitootessa 10, 2022)
Shaggar Lixaa aanaa Gindabarat magaalaa Kaachis keessatti waraanni pp abbaa fi ilma bakka tokkotti ajjeese.
Ilma isaa Qannoo Joonsee mana hidhaatti dubbisuu kan dhaqe Obbo Joonsee Biqilaa ilma isaanii waliin ajjeesan.
Gaafa Bitootessa 9, 2022 dargaggoo Qannoo Joonsee hidhaa keessaa baasuun abbaa isaa kan isa dubbisuu dhaqe Obbo Joonsee Biqilaa gara lagaatti geessuun lachuu bakka tokkotti ajjeesan.