Ibsa ABO- Bitootessa 18, 2022


Paartiin Bilxginnaa yeroo ammaa impaayera Itoophiyaa bulchaa jiru Gocha suukaneessaa dhala nama irraa hin eegamnee fi hidhaa maatii miseensota paartilee mormitootaa keessumaa ammoo miseensota ABO irratti raawwatu dhaabuu qaba.

Ibsa ABO- Bitootessa 18, 2022

Ajjeechaafi hidhaan uummata Oromoo irratti raawwatamu yeroo sabni Oromoo kolonii warra Abisiiniyaa jalatti kufe irraa eegalee walitti fufiinsaan raawwatamaa kan ture ta’uun beekamaa yoo ta’e iyyuu, ajjeechaan yeroo ammaa raawwatamaa jiru daran hammaachuudhaan sadarkaa gochi akkanaa ni raawwatama jedhanii yaaduun hin danda’amne irra ga’ee jira.

Waggoota 30 darban keessatti ilmaan Oromoo hedduun sababa eenyummaa fi ilaalcha siyaasaa isaanii qofaaf ajjeefamaniiru, achii buuteen isaanii dhabameera, qe’eef qabeenya isaanii irraa buqqaafamuun biyyaa ormaatti baqachuuf dirqamaniiru. Haa tahu malee waggoota 3 darban yeroo Dr.Abiyyi Ahimad aangoo qabate irraa eegalee ajjeechaafi gochi suukaneessaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu daran hammaatee sadarkaa yaaddessaa irra ga’ee jira.

Tibba Murni ABUT (TPLF) aangoo qabatee biyyattii bulchaa turetti, Oromoofi lammileen Oromiyaa Oromiyaa murnichaan garmalee hubamaniiru. Maatii gaggeessitoota siyaasaafi qabsaa’ootaa dararuun bara sanas yoo tureyyuu, kan yeroo ammaa raawwatamaa jiru hedduu suukaneessaadha. Bara Paartii Bilxginnaa Dr.Abiyyi Ahimadiin hoogganamu kanaatti, miseensotaafi deggertoota paartilee siyaasaa qofatu dararama osoo hin taane, maatiifi firoonni qabsaa’ootaa hirmaannaa siyaasaa tokkollee hin qabnes dararamaa jiru.

Gochawwan waggoota sadan darban kana erga Dr.Abiyyi Ahimad aangoo qabate irraa eegalee raawwataman duubatti deebinee yoo ilaalle, miseensonni maatii fi namoonni miseensotaafi deggertoota ABO waliin firummaa dhiigaa qaban kamiyyuu adamsamanii ajjeeffamaa turan.

Akkasumas ajjeechaa Wallaggaa, Gujii, Boorana, Arsii, Baalee, Harargee, Walloofi Amboo, Walisoo, Salaalee fi Giddugaleessa Oromiyaa(shawaa) keessatti raawwatamaa jirus quba qabna. Ajjeechaan kun garmalee hammaachuu fi sadarkaa yaaddessaa irra ga’uu isaa kan mirkaneessu keessaa tokko ammoo ajjeechaa fi hidhaa tibbana Gaggeessitootaafi miseensota ABO lixa Oromiyaa, Godina Horro-Guduruu irratti raawwaramaa jiruudha.

1.Lixa Oromiyaa, Godina Horro Guduruu, Aanaa Horroo Bulluq iddoo addaa Abuunaa jedhamee waamamu keessatti miseensonni maatii Hayyu-Duree ABO Jaal-Daawud Ibsaa afur garee humna mootummaan bobbaaseen ajjeefamanii jiru. Namoota ajjeefaman kanneen keessaas mucaa barataan umuriin isaa waggaa 16 keessatti argama. Akkasumas miseensonni maatii hayyu-duree ABO afuris gareedhuma mootummaan hidhachiisee bobbaase kanaan butamanii jiru.

Namoonni ajjeefaman kunniin maqaan isaanii: 1) Lalisee Shifarra Kumsaa (jaartii waggaa 60), 2) Roobaa Firdiissa Jabeessaa (umuriin isaa waggaa 23), 3) Qixxaataa Duulaa Abboomaa (umuriin isaa waggaa 16) fi 4) Adaanech Abboomaa Duuressaa (umuriin ishee waggaa 30) jedhamu. Namoonni hidhaman ammoo: 1) Warqee Lamaa Qalbeessaa (Umuriiin ishee waggaa 23), 2) Ilfee Shifarraa Kumsaa (umuriin ishee waggaa 19), 3) Lalisee Taammaraa Asaffa (barattuu Umuriin ishee waggaa 17.). fi 4) Misgaanee Nagaasaa Shifarraa (umuriin ishee waggaa 26).

2. Lixa Oromiyaa, Godina Baha Wallaggaa, Aanaa Waayyuu Tuqaa jedhamee waamamutti maatiin Qondaala ABO obbo Lammii Beenyaa hidhamanii jiru. Kanumaan abbaa, obbolaan dhiiraa isaa lama, obboleettiin isaa fi harmeen isaa humnoota Paartiin Bilxiginnaa hidhachiisee bobbaaseen dararaafi miidhaan isaan irra ga’ee jira. Namoonni dararaafi miidhaa kanaaf saaxilamanii jiranis: 1) Beenyaa Qajeelaa (abbaa Lammii), 2) Haadha Lammii Beenyaa, 3) Hundee Beenyaa (Obboleessa isaa achi buuteen isaa dhabamee jiru), 4) Saaraa Beenyaa (barattuu mana barumsaa irraa butamte). Kanaanis namni kamiyyuu mana hidhaatti akka ishee hin dubbisne dhorkamee jira.

Manni maatii Lammii Beenyaas haala baay’ee nama gaddisiisuun garee Paartiin Bilxginnaa hidhachiisee bobbaaseen gubamee jira. Namoota gochi hammeenyaa kanaan wal fakkaatu irratti raawwatame hedduu tarreessuun ni danda’ama.

ABOn gocha suukaneessaa fi gara

AL, [3/18/2022 3:20 PM]
abinaan guutame Paartiin Bilxiginnaa miseensota maatii namoota bilisummaa fi dimokiraasiif qabsa’an irratti raaawwachaa jiru cimsee balaaleffata. Ilmaan Oromoo nagaan yakka tokkollee osoo hin raawwatin garee paartiin aangoo qabatee jiru hidhachiisee bobbaaseen ajjeefamaa waan jiraniif, yakki sarbiinsa mirga namummaa raawwatamaa akka jiru qalbifachuun barbaachisaadha.

Waan kana ta’eef, namoonni mana hidhaatti dararamaa jiran kunniin atattamaan gadhiifamanii waldhaa’ansa fayyaa barbaachisaa ta’e akka argataniif, uummanni Oromoo, Lammiileen Oromiyaa fi uummatotni Itoophiyaa guutuun Paartii Bilxginnaa irratti dhiibbaa gochuu jabeessanii akka itti fufan dhaammanna.

Akkasumas gareen aangoo dhuunfatee biyya bulchaa jiru sarbiinsa mirga namummaa haala suukaneessaan raawwachaa jiru akka dhaabuuf, hawaasi idil-addunyaa fi dhaabbileen mirga dhala namaa idil-addunyaa dhiibbaa akka godhan gaafanna.

Injifannoo Uummata Bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 18, 2022

Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *