Waraanni Bilxiginnaa Shawaa lixaatti Maanguddoo 1 ajjeesuun Midhaanii fi manneen uummataa hedduu abiddaan gubuun dhaga’ame.
(SQ-Bitootessa 19,2022)
Bitootessa 17,2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Haruu Xiroo bakka Daamotaa jedhamutti Waraanni Bilxiginnaa Maanguddoo maqaan isaanii Obbo Dirribii Dalasaa Iggii jedhaman ajjeesuun, Mana isaaniis Abiddaan guban, Ollaama isaaniitiis mana Obbo Leellisaa Likkiisaa Dalasaas gubuu maddeen keenya nuuf himan.
Obbo Dirribii Dalasaa Maanguddoon ajjeefaman Jaarsaa Araaraa yoo ta’aan nama siyaasa keessaa qooda hin qabne, hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qaban ta’uu odeeffanneerra
Ittuma fufuun Ganduma Haruu Xiroo bakka Gabaa Roobii jedhamuttis Waraanni Bilxiginnaa Qabeenya uummataa saaman jedhu maddeen keenya. namoonni qabeenya isaanii jala saamamees Obbo Araarsaa Leenjisaa jalaa Sangoota 2 yoo qalatan, Obbo Nagaasaa Tolasaa jalaas Sanga 1 qalachuun Dukkaana ykn suuqii akkasumas midhaan callaa Osoo hin hambisin Saamaan jedhu.
Waraanni Bilxginnaa tarkaanfii waraanni Bilisummaa Oromoo irratti fudhatu ofkaluu dhadhabun, Haaloo Waraana Bilisummaa Oromoo Uummata nagaa irratti bahaa jirus jedhu.