Itoophiyaan #Internetii ummata irraa adda kutuun akka addunyaatti sadarkaa 8ffaa, yoo taatu akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa irra jirti.
Akka gabaasaan bahe mul’isutti Uggurri interneetii bara 2024 sadarkaa olaanaa irra akka gahe ibsuun ; Biyyoota 28 keessatti intarneetii 167 cufamuun gabaafameera.
Akka gabaasa itti fayyadama interneetii fi istaandaardii maxxansu “Top Ten VPNs” jedhutti, cufamuu interneetii mootummaan dirqisiise kun dinagdee addunyaa irratti kasaaraa doolaara biiliyoona 7.69 baase.
Akka sadarkaa addunyaatti sababa uggura internet kanaan kallattiin tajaajila intarneetii adda addaa irraa namoonni miiliyoona 648.4 addaan cituutu himama.
Biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadiitti sa’aatii 32,938f intarneetiin addaan citee doolaara biiliyoona 1.56 kan baase yoo ta’u, namoota miiliyoona 111.2 irratti miidhaa geessiseera jedha gabaasni kun.
Sudaan Afrikaa keessatti intarneeta addaan kutuun ishee jalqabaa yoo taatu, addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa irra jirti.
Sudaanitti aantee Sadarkaa 2ffaa irra kan jirtu Itoophiyaan Addunyaa irraa sadarkaa 8ffaa irratti kan argamtu yoo ta’u, kasaarri ishee Doolaara miiliyoona 211.2 galmaa’eera.