๐๐๐ซ๐๐๐ง๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐ฌ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ข๐๐๐ ๐๐๐-๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ก๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ฎ ๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐ก๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐๐ฌ๐ ๐๐๐๐ ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ
๐๐๐จ๐จ๐ฅ๐๐ฌ๐ฌ๐ ๐, ๐๐๐๐
Walitti buโinsaa fi wal-waraansi gaanfa Afirikaa tibbana sadarkaa yaaddessaa irra gaโee jira. Naannicha keessatti bakka tokkotti rakkoon yoo dhalate iddoo biraattis rakkoo uumuudhaan wal harkisee babalโachaa deema. ABOn dhimmi kun of eeggannoo fi hubannaadhaan qabamuu qaba jedhee amana. Haatahu malee gaggeessitoonni Paartii Bilxiginnaa adeemsa maal na dhibdee deemaa jiru. Dararami, duuti, buqqaafamuu fi beellii uummataa bartee jireenya guyyaa guyyaa uummatichaa taโee jira. Dogoggorama baroota darban raawwatamaniif qaamni yaade ammallee hin jiru.
Tibbana pirezidantonni Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Baahirdaaritti walgaโanii mariโachuudhaan โRiphe loltootaโ Oromiyaa keessa jiraatan kan isaan โOneg Shaneeโ jedhanii waaman irratti waraana labsanii jiru. Kanumaan Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa meeshaalee gurguddoo hidhatan Naannoo Amaaraa irraa kallattii garaagaraan Oromiyaa seenaa jiru.
Rakkoo maddi isaa siyaasa taโeef deebii akkanaa marsaalee hedduu deddeebiโanii yoo kennan yooimyyuu fala hin taane. Tarkaanfii akkanaa marsaa marsaadhaan deddeebiโee fudhatamaa tureen uummata nagaa, daaโโimman, dargaggoota, namoota raagan fi dubartootatu ajjeeffama, mana namoota nagaatu gubama, midhaan oyiruu fi gumbii keessatti mancaafama, namootatu qeโee fi qabeenya isaanii irraa buqqaafama. Yeroo kanatti Itoophiyaan baayโina namoota biyya isaanii keessatti qeโeef qabeenya isaaniirraa buqqaafamaniin sadarkaa jalqabaa irratti argamti. Namoonni kumootaan lakkaaโaman beelaโanii jiru. Ongeenis hammaachaa jira. Rakkoolee kanneen humna waraanaan furuuf yaaluu buโaa tokkollee hin qabaanne waggoota 50 darban arginee jirra. Keessumaa ammo yeroo ammaa kana humna waraanaatiin rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf yaaluun balaa baayโee hamaa taโe qabatee dhufa.
Waan kana taโeef pirezidaantonni naannolee lamaanuu tarkaanfii lola labsuu kanarraa of qusatanii, marii fi karaa nagaatiin rakkoo jiru furuuf akka hojjetan waamicha goona. Kana taโuu baannaan dhiigga dhangalaโuuf deemuu fi rakkoo inumaa uummata gidduutti hammaachuuf jiruu, dararamaa fi buqqaafamuu uummata nagaa kanaan walqabatee dhufuuf gaggeesitoota kanneentu itti gaafatama.
Naannooleen Itoophiyaa biroon dantaa waliinii, obbolummaa, hariiroo fi nagaan waliin jiraachuun uummata sabaaf sablammoota biyyattii gidduu jiru akka hin boorofneef gocha kana keessatti akka hin hirmaanne hubachiifna.
Injifannoo Uummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 2, 2022
Finfinnee, Oromiyaa