WFP guyyoota darban gargaarsi konkolaataan gara Tigraay fe’ame hin jiru jedhe
(SQ-Bitootessa 22,2022)
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) guyyoota darban gargaarsi konkolaataan fe’umsaan fe’amee gara Tigraay ergame hin jiru jedhe.
Bitootessa 17 mootummaan Itoophiyaa konkolaataawwan 20 ol gargaarsa nyaataa fi boba’aa fe’anii Samaraa irraa gara Maqalee imala eegaluu himee ture.
WFPn akka jedhutti Sanbataa fi Dilabata darbe jechuunis Bitootessa 19 fi 20kon kolaataawwan fe’umsaa gargaarsa fe’an Samaraa irraa ka’an jiraatanis, achuma naannoo Affaar keessa malee gara Tigraay kan imalan miti.
Mootummaan Itoophiyaa konkolaataawwan gargaarsa fe’an gara Tigraay imala eegaluu erga beeksisee booda gabaasaaleen konkolaataawwan kunneen naannoo Affaar keessatti hidhattootaan haleelamuun himamaa ture.
Dhimma kanarratti dubbi himaan WFP imeeliin deebii BBCf kennaniin, “konkolaataawwan kunneen jalqabumaa galmi isaanii Tigraay osoo hin taane, namoota Affaar keessatti gargaarsa barbaadan bira gahuu ture” jedhan.
Haata’u malee konkolaataawwan kunneen achuma Affaar keessatti “miseensota hawaasaan” akka hin dabarre waan dhorkamaniif “nagaan gara Samaraa deebi’aniiru” jedhan.
MInisteerri Haajaa Alaa Itoophiyaa ibsa Jimaata Bitootessa 18 baaseen konkolaataawwan fe’uumsaa 20 ta’an kan nyaata fe’an akkasumas konkolaataawwan boba’aa fe’an 3 Kamisa Bitootessa 17 Affaar Samaraa irraa gara Tigraay imala eegaluu beeksisee ture.
Ministeerichi ibsa isaa kanaan mootummaan federaalaa gargaarsa gara Tigraay erguu keessatti qooda gaarii bahachaa jiraachuu ibsee, haleellaa humnooti Tigraay raawwataniin ulaan Abaalaa gargaarsi namoomaa irra deemu waan cufameef dhiyeessiin gargaarsa namoomaa danqameera jedhe.
Bitootessa 16 irraa eegalee dhaabbileen gargaarsa namoomaa 17 qoricha, meeshaalee wal’aansaa fi gargaarsa nyaataa gara Tigraay akka geejjibsiisan hayyama argataniru jedhe.
Torbee darbe hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Teediroos Adihaanoom erga walakkeessa Mudde darbee gargaarsi nyaataa gara Tigraay ergame hin jiru jedhan. Uummatni Tigraay dhibbeentaan 83 hanqina nyaataaf saaxilamee jira jedhan.
Wayita ammaa gargaarsi namoomaa gara Tigraay fe’amaa jiru akka hin jirre kan ibse WFPn, dhiyeenya kana mootummaan federaalaa fi kan naannoo Affaar gargaarsi gara Tigraay akka seenu hayyamuun waan jajjabeeffamudha jedhe.
Akka UN jedhutti Tigraay keessatti uummanni miliyoona 5 ta’u gargaara nyaataa hatattamaa barbaada
Maddi BBC!