Murni Mootummaa PP Abboota Amantii yakka tokko malee hidhuun dararaa jira.

Murni Mootummaa PP Abboota Amantii yakka tokko malee hidhuun dararaa jira.
(SQ_Bitootessa 22_ 2022)
Barreessaa Galma Amantii Waaqeffannaa Tulluu Biyyoo obbo Girmaa Tulluu Fayyisaa ilaalcha amantii qofaaf hidhamee dararamaa kan jiruufi ni ba’aan otuma eeggamuu iddoo Warshaa Daangotee jedhamutti torbee sadiif hidhamee ture amma immoo gara Waajjira poolisii magaalaa Incinniitti dabarfameera.
Galmi Amantii Waaqeffannaa Tulluu Biyyoo Giddu-gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddu galeessaa Wiirtuu Shawaa Lixaa Koonyaa Bargaa Aanaa Ada’aa Bargaa Ganda Biyyoo Wagiddiitti argama.
Barsiisaan Amantii Waaqeffannaa fi barreessaan Galmichaa kun waan kam irraayuu bilisa kan ta’eefi miseensa Galma Tulluu Biyyoo ta’ee; Gurraandhala 25/2022 mana jireenyaa maatii isaati qaama Milishaa Gandichaatin qabame.
Dargaggoo Girmaa Tulluu Fayyisaa nama amantii ta’uun isaa kan beekkamu waan ta’eef Qaamni Nageenyaa Aanaa Ada’aa Bargaafi dhimmichi ilaallatu dhiibbaalee garagaraa Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Galma Tulluu Biyyoo irra ga’aa tureefi jirus gadi fageenyan hubatee furmaata akka nuu kennaan gaafachaafi barsiisaan Amantii Waaqeffannaa kunis nama badii omaatuu hin qabneefi dhiibbaa namootni amantii ofiitif jecha yakkuun hidhame ta’uun hubatame akka gadi dhiifame tajaajila Amantii isaatti fi maatii isaa jiraachisuutti akka deebi’ee hojii idilee isaa hojjetachuu qaba.
Finfinnee, Oromiyaa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *