Ergamaan addaa Ameerikaa aanga’oota Itoophiyaa waliin mari’achuuf Finfinnee jiru

Ergamaan addaa Ameerikaa aanga’oota Itoophiyaa waliin mari’achuuf Finfinnee jiru

(SQ-Bitootessa 22,2022)

Ergamaan Addaa Gaanfa Afriikaa Ameerikaa Ambaasaadar Deeviid Saatarfiild aanga’oota Itoophiyaa waliin mari’achuuf Finfinnee galusaanii Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa beekisisee.

Ergamichi daawwanaasaanii Itoophiyaatti taasisan kaleessa Bitooteessa 21, 2021 eegalusaaniifi har’a akka xumuran ibsichi mul’iseera.

Ambaasadar Saatarfiild kaleessaa ergamaa addaa Gaanfa Afriikaa Oluuseenguun Obaasaanjoo fi Komishiinii dhimmoota Siyaasaa, nageenyaa fi Tikaa gamtichaa Baankoolee Adoo’oyee waliin dhimmoota Itoophiyaafi Sudaan irratti mri’achu waajjiiri dhimma alaa Ameerikaa ibsa isaa kanaan beeksiiseera.

Ambaasaadar Saatarfiild turtiisaanii Finfineetiin aanga’oota mootummaa Itoohpiyaa, Qondaaltoota Dhaabbata Biyyoota gamtoomanii fi bakka bu’oota dhaabbilee deeggarsa namoomaa waliin akka dubbatan ibsichi dabaluun himeera.

Ambaasadar Deeviid daawwanaadhuma walfakaatuuf baatii Guraandhalaa keessa gara Finfinnee dhufuunsaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *