Du’aan Boqotuu Hayyuu fi Goota Oromoo Haaji Hasan Gammadaa

Du’aan Boqotuu Hayyuu fi Goota Oromoo Haaji Hasan Gammadaa

(Ijoo Dubbii ABO – Bitootessa 23, 2022)

Hayyicha ol’aanaa fi Gootni Oromoo Haaji Hasan Gammadaa
Du’aan boqochuu yeroo dhageenyu gadda cimaatu nutti dhagahame.

Haaji Hasan Gammadaa abbaa isaanii, Obbo Gammadaa Ukuluu fi Haadha isaanii Aadde Daamuu Diimaa irraa bara 1880’oota keessa Oromiyaa, Godina Arsii Lixaa Ona Shaallaa ganda Sambatee-Shaallaatti dhalatan.

Umrii isaanii ijoollummaa irraa kaasanii barumsa amantaaf Walloo hanga Baalee, Jimmaa hanga Harargeetti guutuu biyyaa keessa akkasumas biyya Sa’uud Arabiyaa, Makkaatti barumsa amantaa Islaamummaa barataa fi barsiisaa akka turan seenaan isaanii ni mul’isa.

Haaji Hasan barnoota amantaa barsiisuu qofa osoo hin taane, aadaan isaanii akka hin awwaalamneefis barumsi amantaa aadaa Oromoo gatee deemuu hin qabu jechuun mul’ina aadaa saba isaaniifis hojjechaa, dhaloota dhugaaf onnachiisaa, mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa saba isaaniif sodaa fi quuxii malee falmaa akka turan seenaa isaaniitu ragaa dha.

Bara Minilikii kaasee sirnoota Oromoo koloneeffatan hunda dura dhaabbatanii lolanii lolchiisaa turan. Kanas seenaan qabsaawota hangafoota akka Jeneraal Waaqoo Guutuu, Haaji Adam Saaddoo, Haaji Abdullaahii Ganamoo, Koloneel Aliyyii Cirrii, Huseen Bunee fi Aadam Jiloo faa waliin Gaarren Baalee fi Arsii dalagan ragaa baha.

Aalimni (hayyuun) beekamaanii fi manguddoon keenya hangafni, Haaji Hasan, hanga guyyaa lubbuun dabarteetti Oromoon, warra isa kooneeffate tokkummaan ijaaramee falmachuu akka qabu barsiisaa fi ofiifis faana falmaa gaggeessaa akka turan seenaatu dhugaa ba’a. Bilisummaa Oromoof falmaa gaggeessaa turan kanaafis bara mootummaa H/Sillaasee hanga mootummaa Darguutti yeroo Shan caalaa diinaan hidhamuu seenaan isaanii ni ibsa. Qondaalota mootummaa TPLF/EPRDF fi kan ammaa PP illee fuulleetti sodaa malee Oromiyaa irratti abbaan biyyaa Oromoo dha jechuun kan dubbatan Goota onnee sibiilaa ti.

Waa’een Tokkummaa, Sabboonummaa fi Bilisummaa Oromoo afaan isaaniitii kan hin buune Gootni fi manguddoon Oromoo hangafti, Haaji Hasan Gammadaa, daggala seenanii loluutii hanga dhaloota dhugaaf barsiisuutti seenaa bara baraan faarfamaa jiraatu dalagan.

Haaji Hasan ulamaa’a hayyoota Amantii Islaamaa hedduu horatuun akkuma hangafummmaan beekaman, diddaa gabrummaafis qabsaawota Bilisummaa Oromoof hedduu kakaasuu fi hiriirsuu seenaan jireenyaa isaanii ragaa baha.

Haaji Hasan Gammadaa dhukkuba itti buleen Tajaajila waldhaansaa argataa erga turanii booda, Bitootesaa 21, 2022 Umrii waggaa 130 oliitiin Addunyaa kana irraa boqotuun, borumtaa isaa magaalaa Shaashamannee Ganda Aleeluutti bakka ummanni kumaan lakkaawamu argametti sirni awwaalchaa isaanii raawwatameera.

Addi Bilisummaa Oromoo du’aan boqotuu goota Oromoo Haaji Hasan Gammadaatti gadda jabaa itti dhagahame ibsaa, bilisummaan Oromoo isaan barootaaf wareegama tti baasaa, arguufis odoo hawwanii irraa dabran, ilmaan Oromoo kaayyichatti cichuun akka galmaan ga’an ABOn hiree kanaan waamicha dhiyeessa.

Maatii fi firoota akkasumas Ummata Oromoof jajjabina hawwaa, rabbiin lubbuu hayyuu fi goota keenyaa jannata haa badhaasu jenna.

Qabsaawaan Ni Kufa; Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Bitootessa 23,2022
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *