
(SQ Bitootessa 23 , 2022)
“Ahmad Najjaash Abdallaa jedhama.
Harargee Bahaa aanaa Dadar magaalaa Qobboo ganda Tarcoo jedhamtu keessatti eda galgala sa’aatii 6tti polisiin humna addaa Oromiyaa mana isaatti itti dhufanii mana keessaa gadi fuudhani badii tokko malee ‘ati shaneedha’ jedhanii reebicha baayyee irratti gaggeeysanii, egasii rasaasaan dhawanii lafatti dhiisanii deeman.
Kanaan duras baayyee reebanii turan nama kana, situ ABO gargaara jechun miidhani jiru. Ammas itti dabalanii eda rasaasaan dhawani”