Wareegamni lammiilee Oromiyaa gatii Bilisummaaf akka tahus nan amana .

Waxabajji 2,2021 kan barreeffame.
Yeroo seenaa Oromoon Keessa darbaa as gahe ilaallu gabaabaatti….
Adeemsa waggoota sadan dabranii keessatti tarkaanfiilee mirgoota siyaasaa fi abdiin gara jalqabaatti ture gad-bu’aa deemuun isaa mul’achuu irra taree biyyittiin dhibdee heeraa (constitutional crisis) keessa gale.
Oromoon waanjoo Gabrummaa isa irraa jirtuu of irraa buqqisuuf bifa fincilaa fi akka jaarmayaatti qindawee gaggeessaa ture, ammas gaggeeffataa jira.
Adeemsa kana keessatti mootummootni Itiyoophiyaa wal duraa duuba bakka wal jijjiiran akkaataa itti Oromoo waliin araara buusuuf karoorfatan hedduu walfakkataa dha.
Oromoo fi Oromoo wal dura dhaabanii wal gansisuun dantaa isaanii tikfachuudha. Bakka gartuun 3ffaa jirutti ammoo siidaa agarsiisuun ykn yaada isaanii fudhachiisuuf dirqisiisuun olaantumma isaani agarsiisuu hawwu. Araara Oromoon dhimma isaa irratti Araarsituu tahuu ilaalchisee (Sooggiddaan Sooggidda cabsu).
1, ❖ Seenaa darbe yoo ilaalle Abiishee Garbaa inni Horroo bara 1875 keessa yoo xiqqaate yeroo sadii humna weerartuu qaanfachiisee of-irraa deebisee jira.
Abiishee Garbaa goota diina akkas rakkisaa ture, gaafa Soorii Galaan maqaa araaraan Abiishee fi “Ras“ Darasuu gidduu deemuun, Ras Darasuun Taabotaan kakatee kakuu diige.
Abiisheen kakuu dhugaa se’ee harkaatti kufe.
Gaabbiin quba isaas nyaachaa wareegame jedha seenaan.
2, ❖ Fincilli bara 1959tti hogganummaa Hasan Ammeetiin gageeffames hedduu bal’aa ture. Humni mootummaa itti bobba’e hedduunis waaroo qaanii haguuggatee arihame. Dhuma irratti humni “Kuburzabanyaa” kan muuxannoo lolaa Koriyaatti horate hidhannoo ol aanaa qabuun itti duule. Humni kunis loltoota Oromoo loluutti dabalee ummata nagaa garaa-jabeenyaan fixuu fi qabeenya saamuu fi barbadeessuu hojii godhate. Haalichi hedduu rifachiisaa ta’us lollii itti fufe. Kanaaf, Haile Sillaaseen karaa namicha Haaji Aliyyii Dullattii jedhamuu loltootaa fi ummata qunnamee kijibuu filate. “Nagaadhaan yoo galtan dhiifamatu isiniif godhama” jedhee akka aadaa Oromootti Haaji Aliyyii jaarsummaadhaaf ergate. Ummanni fi loltoonnis dhugaa se’anii qawwee isaanii hiikkatanii harka kennatan qe’eetti deebi’an; mootummichi kanaan booda tokko tokkoon funaanee fannise. Warra akkasitti fannifame keessaa tokko gooticha Hasan Aammee ture.
3, ❖ Sochiin kibbaa Oromiyaatti baroota saddeetiif, 1962-70, deeme sochii sabummaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Finciloowwan bakka bakkatti belbelanii dhaamanii fi qabsoo hidhannoo dhawaataa har’a deemaa jiru gidduutti riqicha ta’ee mul’ata. Sochii karaa Baalee irraa namoota akka Waaqoo Guutuu, Aliyyii cirrii, waaqoo Luugoo, Hasan Turee, Adam Jiloo, Huseenii fi Mahamuud Buneefaatu hoggane. Sidaamoo irraa ammoo namoota akka Hasan Gabaabaafaa, Harargee irraa nama Abdulkariim Ibrahim Hamiid faatu qooda olaana xaphate. Hunda irra Waaqoo Guutuu gaggeessaa fi qindeessaa sochii kanaa ture. Mootichii Hayilesilasee waraana bobbafateen yeroo milka’uu dadhabu General Jaggamaa Keelloo jaarsummaa itti erge. Waaqoo Guutuus garaa hiruun qabsoo eegalamte lafa kaa’ee Hailesilaseen shumata Dajazmachummaa kennee gaggeessee. Dajazmachummaa kanaan gaaf tokko utuu itti hin waamamiin kan Oromoon isaa kenne Generaal Waqoo Guutuun yaamamaa qabsoo keessatti umuriin isa dabarte.
4, ❖ Waldaan Maccaa fi Tulamaa (WMT); bara 1963tti sochii Oromiyaa guutuu waliin gayuuf karaa nagaa fi of-qusannoon sochii jireenya Oromoo fooyyessuuf tattaafate. Akeeka Maccaa fi Tuulamaa irra guddaan siyasaa hin turre. Akeekni dagaagina diinagdee fi hawaasummaa Oromoota baadiyyaa qubataniin gahuu irratti hundeeffame. Mana barnootaa naannoo Oromootti banuu,kilinik ijaaruu, Akkasumas daandii walquunnamtii tolchuu sagantaa isaa godhamee ture. Sunuu warra sirna Impayera Itiyoophiyaa gaggeeysanin akka jaarmayaa jireenya mootummichaa waakkatuu fi sodaachisutti hubatamee miseensoti hogganaa WMT hedduun du’aa fi hidhaan adabaman.
5, ❖ Yeroo Warraaqsa Ityophiyaa keessatti bara 1966 dhohe ummatooti cunqurfamoo biroo waliin akka ECAT-tti ijaraamuun sirna impayerichaa keessatti dantaa ummatooti cunqurfamoo tiksuuf yaaliin hidhaa fi digamsaa jarmiyichaan xumuramee.
6, ❖ Dargiin araara Qabsawotaa Oromoo waliin kan yaale karaa warra mana hidhaa turanii ture. Yaadichi badii dalagdaniif dhiifama gaafadhaa, ABO balaaleffadhaati Dargii waliin hojjenna jedhaa Yoo waan isiniin jenne gootan mana hidhaa keessaa isin baasna jedhee waadaa seeneef.
Dhimmi kun hidhamtoota maqaa ABOn jiran biratti mana hidhaa keessaa bahuuf jecha dantaa Oromoo hin sharafsiisnu jechuun yaadicha dura dhaabbatan. Dubbichis Utuu hin milkaa’iin Dargiin kufaatii isaa jala waggaa muraasa dura mana hidhaa keessaa isaan gad dhiise, kan irraa hafan akka Dargiin kufeen mana hidhaa keessaa yaa’ani. Waliigala Dargiin yeroo Roma-xalayaniitti EPLF fi TPLF waliin haaswee furmaataa mayyii fiduu irra ABO akka humnaatti beekuu hin feene.
7, ❖ Bara 1991 yeroo Mootummaa Cehumsaa Jaarmayolee Oromoo (ABO, IFLO, Oromoo Abo, Tokichummaa…) chaartara keeysatti karaa nagaa mul’ata siyaasaa qaban gaggeeysuuf hirmaatanii turan xumurri isaa dorgommii Siyaasaa karaa nagaa keessaa dhiibanii baaasuu tahe.
8, ❖ ONC bara 1996 irraa eegale, OFDM bara 2004, akkasumas Jarmooleen biroo maqaa Oromoo qabaatan saddeet (ONC, OLUF, OALF, OLNP, OPDU, GSAP, OFDM, OLP, OPC, AOPDP) sirna mootummichaa keessatti galma’anii hanga guyyaa har’aatti hoggannoonni fi miseensoliin jalaa hidhamaa as gahanii.
Kaan hafee yeroo haasa araaraa ABO fi ADUWI giddutti gaggeffamuu karaa ciinaa mootummichi namoota bebbeekamoo dhabamsiisuuf fi ajeechaa jumlaa raawwachuun akka Hassan araaraa deemu nagaa hin fidee gochaa ture. Fakkeenyaaf:-
➢ Ajechaa fi hiraarsaa akka nam tokketti irraan gahee irratti jumlaan Bitootessa bara 1992 ajjeechaa Oromoota hiriira magaalaa Water baha Harargeetti bahani irratti kan rawwatame;
➢ Haasaan araaraa Asmaratti Fiona’s a 14 bara 1992 osoo ta’uuf deemuu sana hankaaksanii hagayya 3 bara 1992-tti Nairobi-tti humna addaa erguun Jaal Jaatanii Ali nama bakka bu’aa ABO mootummaa cehumsaa keessa yeroo ajjeesanii Jaal Lammessaa Boruu kan Public relation ABO ture baatii Fulbaana 1992 ukkaamsan;
➢ Haasaan Chaarteraa walakkaa Guraandhalaa. 7-8 bara 1994 osoo deemaa jiru Bitootessa 1994 Abba Gadaa BooruuGuyyoo haasaa araaraa jedhuun affeeramanii fedhiin isaanii guutamuu hanqatnaan ajjeesan. Akkasuma Fulbaana 1994 Obbo Daraaraa Kafanii nama beekamaa fi jaallatamaa Amboo dhiha shawaa -tti balbala mana isaa irratti ajjeesan;
➢ Haasaan Congressional Task Force (CTF) guraandhala 6-9 bara 1995 Washington D.C-tti tahuuf deemu halkan tokko hankaksuun Surree fi Kiyyoo baha Harargee ona Dadar keessatti Guraandhala 5 bara 1995 Jumlaan gara nama 30 ajjeesanii hedduus madeessani. Itti fufinsa haasicha gatii dhorkuuf bitootessa bara 1995 Sigmo fi Gaattiratti Ebla bara 1995 gandaa Baabboo Gambel Lixa
Wallaggaatti jumulaan nama ajeessan;
➢ Bara 1996 jalqaba irraa kaasee Mootummaan Germany karaa AG KED fi Ambasadaara Jarmanii Ityophiyaa jiru Dr. Winkelman haasaa dhoksaa (shuttle-consultations) yeroo sirni haasaa (the “rules of the game” ) bu’uraa dubbii haasaa tolchuuf haasa’amuu (“talks about the talks”) Qopheessaa jiru keessatti qabsa’aa fi Artiisitii Oromoo Ebbisaa Adunyaa Hagayya 30 bara 1996 keessa aduu lafa barii ajjeese;
➢ Haasaa Bonn, Germany jedhamuun kan beekamu marsaa jalqabaa February 24 and 25, 1997 wal argamee marsaa sadaffaa isaa‚Onkoloolessa 6 hanga 7 bara1997 Bonn-tti Dr. Winkelmann mariin jalqabamus gaafa Onk.7 bara 1997 okkora Juilliard ADWUI uumeen diigame. Akka kanaan namoota 31 Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, gaggesitoota Waldaa gargarsaa Oromo (WGO), Gaazexeessitoota, Hojjetaa mootummaa fi kan kana fakkaatan maqaa shororkeessummaan yakkamanii mana hidhaatti darbaman;
➢ Feb 3 Bara 2000 ABOn dhibdee biyyichaa hiikuuf ni gargara jedhee kaka’umsa mataa isaatiin “OLF The Agenda for Peace to resolve the conflict in Ethiopia” jechuun yaada furmaataa qabatee as bahe. Kana faanas wanti nama sukkaneessu uumame: kunis miseensa Shanee Gumii ABO kan itti gaafatamaa Olaanaa fudhatee gaanfa Afriikaa keessa socho’aa jiru Jaal Mul’is A/Gadaa ajjeefamuu (assassinated);
➢ Bara 2002 kaasee Mootummaan Norway hanga bara Fulbaana 12 bara 2007 dhibdee jiru karaa nagaa waliin haasofsiisuu qooda agarsiisaniif jecha Mootummaa Itiyoophiyaan shororkeessitoota deeggartu jedhee komatamuutti gahe. Daran waraanni isaa Gaara Suufii irratti guraandhala bara 2007 Oromoota jumlaan ajjeese;
➢ Bara 2007 kaasee Maanguddoonni Oromoo ifaajii gochaa turan kan lakkoobsaan 140 tahan Godina Oromiyaa adda addaa keessa Onkolooleessa 31 hanga Sadaasa 1, 2008 galma Hoteela Impeeriyaal keessatti walgahaanii Gabaasa jilli maanguddootaa Waxabajjii bara 2007 kaasee hanga Onkoloolessa bara 2008 Mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo waltajjii araaraatti fiduuf godhe caqasuun Manguddoota kana keessaa namnii 33 filamanii akka Mallasaa hasoofsiisaani yeroo tahu isaan keessaa namni shan (5) akka haasaa godhan qopheeffataniin erga isaan haasofsiisee akka araaraan hiiku waadaa seenu illee cinaatti jechuun kan hidhamanii jiranis shororkisitoota tahuu yeroo ibsu Olbaana leelisaa, Baqalaa Garbaa fi Oromoota biroo hidhuu itti fife. Rakko jiruu bifa jijjiruun Muslimootaa Oromoo Ebla fi hagayya bara 2013 Asaasaa fi Kofeleetti ajjeeffaman. Akka haaraatti Liyu Police warra jedhamaniin ijaaruun baha fi kibbaa baha Oromiyaatti bara 2013 eegalee hanga 2016tti sanyii duguuggaan Oromoo irratti raawwatame.
Falmii Integrated Master Plan Finfinnee fi gaaffiin mirgaa Oromoo jabaataa deemuun jijjirama suphaa bara 2018f madda tahe.
➢ Jijjiraamaa suphaa kanaafiis ABOn bifaa nagaa waaraan itti gochuuf haasaa mootumichaa waliin bakka gartuun sadaffaa jiruutti akka gochuu feedhuu ibsa gafa 04.04.2018 baasee Osoo mootummichi kanaaf deebii gahaa hin kenniin Adooleessa 12 bara 2018 haasaa jilli ABO Muummicha Ministarotaa Itophiyaa Dr. Abiyy Ahamed waliin adeemsifameen rakkoo jiru karaa nagaa furuuf tarkaanfii tokko fuula dura deemuuf jecha labsii Lola dhaabuu labse.
➢ ABO fi Mootummaa Ityophiyaa gidduu haasaa tahuuf deemu akka gartuu sadaaffaatti koreen Kana gidduu teessu koreen tokko kan nama 11 of keessaa qabdu Abbootii Gadaa Oromoo irraa, Abbotaa amantaa Oromoo, Hayyoota University keessaa, Barattoota fi namoota bebbekamoo akka Dr. Nagassoo Gidaadaafaa of ijaaruun haasaa deemu gidduu galuuf yeroo gaafatan gama ABOn hayyee jedhamee yeroo fudhatu karaa sanaa hayyee erga jedhanii booda lafa irratti garuu Hagayyaa 7, bara 2018 Presidentii Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaa, Ministeeraa Dantaa Alaa Dr. Workneh Gebeyehu gara Asmaraa isaan dhiisanii seenuun waligalteen taasifame.
➢ Ministeerri Muummee Dr. Abiy Ahmed garee isaanii „Team Lammaa“ jedhamee moggaafameen adeemsa jijjiiramaa kana hooggananii biyyattii gara sirna dimokiraasiitti ceesisuu ni danda’u abdiin jedhus guddaa ture. Akka kanaan waliigaltee ifaan fi deemsi sarara siyaasa (political road map)n cehumsa humnoota siyaasaa biyya kanaa gidduutti kan irra gahame jiraachuu baatus Bulchiinsi Dr. Abiy heera biyyichaa bu’ura godhachuun hanga Filannoo biyyoolessaa kan 2012tti akka itti fufu oggaa tahu abdii fi hawwii gaarii malee mormiin guddaan hin turre. Akka kanaan Hoggannii ABOs yeroo isa irratti Jaarmooleen siyaasaa Oromoo, activistionni Oromoo fi beek toni Oromoo dhimma Oromiyaa irratti deemsa siyaasaa ifa tokko utuu hin qabaatu haala rakkisaa keessatti murtee fudhachuun guttumaatti Fulbaana 15 bara 2018 Finfinnee seene.
Adeemsa waggoota sadan dabranii keessatti tarkaanfiilee mirgoota siyaasaa fi abdiin gara jalqabaatti ture gad-bu’aa deemuun isaa mul’achuu irra taree biyyittiin dhibdee heeraa (constitutional crisis) keessa gale. Akkasuu tahee ABOn jeequmsa siyaasaa Itoophiyaa furuudhaaf kanneen aangoo biyya bulchuu qabanii fi gareelee mormitootaa dabalatee humnoota siyaasaa garagaraa waliin waliigaltee biyyoolessaa uumuuf hojjetaa bahe. Har’as qaama itti gaafatamummaan itti dhagahmee kan furmaata barbaadu malee qaama dhibdee uumuu tahee hin jiru. ABOn erga Fulbaana 15, 2018 hogganni isaa ol’aanaan gara biyyaatti galee, adeemsa nagaa kan gara dimokraasii dhugaa hunda hammateetti geessu milkeessuuf haqaa fi amanamummaan hojjechuun kan jalqabaa Waadaa Jaarmolee siyaasaa Bitoteessaa 2019 mallateessee, Sanaan boodas Jaarmoolee Oromoo Waliin agobaraa tokko jalatti wal funaanuu akkasumas tumsa Jaarmoolee siyaasaa biroo waliin malatteesse.
Haa tahu malee dhiigaa mirga dhala namaa waliigala nannoolee adda addaa keessatti sirnaan eegamuu hanqachuun Har’a lubbuun namoota nagaa badaa jira.
Hidhaa fi ajjeechaan ummata sivilii irratti gaggeeffamu guddaa fi bal’aa tahuu, Hogganootiin fi Miseensooliin Jaarmoolee siyaasaa addatti kan ABO irratti xiyyeeffatee guutummaatti hanga jedhamutti mana hidhaa jiraachuu, Waajjrootiin ABO kan muummee Gullalleetti argamu dabalatee guutummaatti cufamuun Oromiyaan dirree jeequmsaa fi waraanaa tahee jira. Har’as Oromoota kumaa fi kitilaan lakkaa’aman irratti gochaan sukkaneessaa raawwatamaa jira. Hunda kana beekaa Oromummaan, saboonummaan, dantaan nuti akka uummataatti waliin qabnutti waan hunda caalaa jedhee amanuun ABOn Gootawwan Oromoo kan lubbuu isaanii jijjirraa hin qabne wareeganii akkasumas gaga’ama jireenyaa fi gadadoo maatii isaanii irra gahe hundaaf kabajaa fi mararfannoon isaaniif qabaachaa dogoggora siyaasa umurii dheerachuu qabsoo keessatti isaan godhaniif callisaan ilaaluun gaafatamummaa Seenaa eenyunuu irra waan hin oolchineef akka qabsoon Oromoo maqaa Ijoollee Abba Gadaa fi Team Lammaa jedhamee diddaa har’aa keessa jirutti seene Boris bifa biraan akka hin maseenneef Mootumma Cehumsaa Biyyoolessa Oromiyaa kan ABOn keessatti hogganu fi KFO fi Dhaabotni Oromoo Walaba Tahan Tumsan utubuun Nageenya ummata Oromoofis tahe ummattoota Ityophiyaaf amansiisaa dha jedhee amaneef waamicha gochuun har’as nagaa fi tasgabbiin akka jiraatuuf lubbuun namootaa siyaasa kamiin olitti tikfamuu akka qabu ABOn itti amanee nageenya lammiilee Oromiyaaf har’as akkuma kalee of kennee hojjechuutti jira.
Wareegamni lammiilee Oromiyaa gatii Bilisummaaf akka tahus nan amana .
                       DWM

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *