Wixinee Sirna Barreeffama Afaanota Itoophiyaa Gara Gi’iiziitti Jijjiiruuf Ba’e Mormiin Mudate!

Wixinee Sirna Barreeffama Afaanota Itoophiyaa Gara Gi’iiziitti Jijjiiruuf Ba’e Mormiin Mudate!

(SQ-Bitootessa 24,2022)

Ministeerri Aadaafi Ispoortii Itiyoophiyaa Yuunvarsiitii Finfinnee waliin ta’uun sirna barreeffama Afaanota Itiyoophiyaa jijjiiruuf wixinee qopheesse, poolisii afaanii keessatti hammachiisuuf mariirra jiraachuu hayyoonni Oromoo afeeramanii, dubbiin gara darbaa jiraachuu hubachuun waltajjicha dhiitanii ba’an himan.

Yuunvarsiitichatti Inistiyuutiin Qorannoo Afaanota Itiyoophiyaa, gurmuu ‘Semantiks’ “sirni barreeffama Afaanota Itiyoophiyaa keessatti dubbatamanii tokko ta’uu qaba” yaada jedhuun, qorannoosaa ministeerichaaf kan dhiheesse yoo ta’u, Ministeerri Aadaafi Ispoortiis dhimma kana ilaalchisuun waggoota lamaan darbaniif dhimmicha qorachaa turuu ibse.

Wixineen dhihaate kun raggaasifamee qaama poolisii afaanii biyyattiitti makamuuf akka jedhu waltajjicharratti dubbatamee ture jedhu Dr.Filee Jaalataa af-gaaffii FiB waliin taasisaniin.

Hayyuun Oromoo waltajjii irratti hirmaatan kan maqaan isaanii akka hin ibsamneef gaafatan biroon haala deemaa jiru irratti odeeffannoo kennaniin ammoo, karoorichi maqaa ABUGIDA jedhuun qophaa’uu, galmisaa inni guddaan Afaanonni Itiyoophiyaa hunduu Fidala akka fayyadaman taasisuudha jedhu.

“Wixineen qophaa’e kun moggaasa maqaa isaarraa eegalee, olaantummaa afaan saba tokkoo warra kaan irratti fe’uuf kan yaadamedha” jedhu namni kun. Afaan kamuu seera mataasaa qaba, Afaanonni hedduun sababa biyya tokko keessatti dubbatamaniif sirna barreeffamaa walfakkaatu qabaachuu qabu yaadni jedhu saayinsii afaaniitiin kan deeggarame miti jedhan.

Afaanonni Itoophiyaa keessatti dubbataman, sirna barreeffamaa walfakkaatu hojiirra oolchuu qaba jechuun wixineen qophaa’e, galmisaa inni dhumaa afaanonni biyyattii Fidala Gi’iizii akka fayyadaman yaada jedhutti kan geessu ta’uu ibsuun, yaadichi ulaagaa kamiinuu fudhatama akka hin qabne dubbataniiru.

Qorannoon garee Inistiyuutii Qorannoo Afaanota Itiyoophiyaa, gurmuu ‘Semantiks’n dhiyaate kun “beekumsaa fi qabeenya biyya keessaa (Ye hagar isseet) maqaa jedhuun, Giiziin sirna barreeffamaa kan Itiyoophiyaa waan ta’eef, Afaanonni Itiyoophiyaa martuu sirna barreeffamaa kanatti dhimma bahuu qabu yaada jedhu of duubaa qabaa jedhu hirmaattonni waltajjichaa. Dabalataan ammoo tartiibni qubee afaanotaa damee jalatti dubbatamaniin, wal fakkaachuu qabu yaada jedhu qabaachuus waraqaan qorannoo kun ni ibsa.

Yaadonni akkasii yeroo mara Afaan Oromoo fi Qubee Afaan Oromoo balleessuu kaayyeffatanii kan burqisiifaman, olaantummaa Afaan Amaaraa Afaanota biroo irratti fe’uun galma xumuraati jedhu hayyoonni yeroo garaa garaatti yaadota sirna barreeffamaa fooyyessuu maqaa jedhuun tarkaanfachiifaman itti dhiheenyaan hordofan.

Wixinee gareen kun qopheessee Ministeerri Aadaafi Ispoortii hojiitti akka hiikamuuf irratti hojjetaa jiru kun, akkuma jedhame yoo qaama poolisii afaanii akka ta’uuf kan raggaasifamu ta’e, rakkoo hordofsiisuuf malu jabaa ta’uu, burjaajjii guddaas kan uumu ta’uu kan himan hayyoonni kunniin, ergaan dhoksaa karooricha duuba jiru afaan Oromoo quucarsuufi olaantummaa afaan amaaraa tiksuun, gaaffii Oromoon guddina afaansaa irratti qabu duubatti harksiuu kan kaayyeffatedha jedhu.

Hayyoonni Oromoo waltajjii wixineen kun irratti dhihaate dhiitanii ba’an kunniin, uummatni Oromoo dhimma kana dammaqinaan hordofuu akka qabu dhaamanii, “warri kaleessa Afaan Oromoo afaan hojii ta’uu hin danda’u jechuun moggaasa adda addaa kennaafii turan, har’as guddina afaanichaa duubatti deebisuuf yaalaa waan jiraniif aggammii afaan Oromoo irratti taasifamu kamuu waloon haaqolannu jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *