Wallaggaa Bahaa Gudayyaa Biilaatti Waraanni Bilxginnaa mana fi qabeenya namoota 7 ibiddaan gube.
(SQ-Ebla 5,2022)
Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Haroo Guddisaa jedhamutti Waraanni Bilxginnaa Manafi Qabeenya namoota 7 guutuumatti jala barbadeessuun dhagaa’ame.
Namoonni mannifi qabeenyi isaanii jala gubatee kunneenis
1, Obbo Bookaa Bettaa
2,Obbo Firdiisaa Bettaa
3,Obbo Hinsarmuu Bettaa
4,Obbo Guddinaa Camadaa
5,Obbo Margaa
6,Obbo Caalii Abdataa
7,Obbo Biraanuu Fayyisaa
kan jedhaman yoo ta’uu ilmaan keessantu Bosona jira jechuun manafi qabeenya isaan qaban hunda jala guban jedhu maddeen keenya.