Waraanni Bilxiginnaa fi finxaaleyyiin Amaaraa wal tumsuun Shawaa Lixaatti uummata nagaa 4 ajjeesun 6 ammoo madeessan
(SQ-Ebla 7,2022)
Finxaaleyyiin Amaaraa fi waraanni Bilxiginnaa waliin ta’uun Eebila 5,2022 Godina Shawaa lixaa Aanaa Noonnoo ganda Qorkee Maaramii jedhamutti uummata nagaa irratti haleellaa raawwataaniin namoota nagaa 4 yoo ajjeesan 6 ammoo madeessuu jiraattonni naannichaa SQtti himan.
Namoota ajjeefaman kan maqaan isaanii nu ga’e
- Obbo Waltajjii Dinqaa,
- Obbo Darajjee Dirribaa,
- Aaddee Maramee
kan jedhamanii fi Daa’ima maqaan ammaaf adda hin baane tokko kanneen ajjeeffaman yoo ta’aan Namooti 6 mada’an ammaaf maqaan isaanii nun qaqqabne. Namoonni mada’an kunneenis Hospitaalatti riiferiin barreeffamuufi Odeeffanneerra.