Godina Kibba Lixaa Shaggar Aanaa Ammayyaatti tikni PP uummataa jumlaa hidhun dhagaa’ame.
(SQ-Ebla 10,2022)
Erga maqaa Oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa irratti Bilxginnaan waraana labsee kutaalee Oromiyaa hunda keessatti ajjeechafi hidhan akka malee jabaate jiraachu uummanni himaata jira.
Tibba kanas Godina Kibba Lixaa Shaggar Magaalaa Ammaayyaa fi naannoo ishee irra Barsiisota dabalatee uummataa naannicha Tiknifi waraanni Bilxginnaa jumlaan hidha jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.
Gaafii tokko malee ummataa qabanii hidha jiru kan jedhan maddeen keenya baayinni namoota hidhamaniis heddu ta’uu nuuf himan.
Namoota hidhaman keessa hanga oduu kana qindeessineetti kan maqaan nu qaqabee
1. Ayyaluu Dhugaa Barsiistuu
2. Dajanee Moosisaa Barsiisaa
3. Tasfayee Abdisaa Barsiisaa
4. Lammaa Guddisaa Barsiisaa
5. Zawuduu Raggasaa Barsisaa
6. Getaacho Galataa Barsiisaa
7. Hailu Dachasaa Barsiisaa
8. TasammaaTesfaayee Barataa Kutaa12
9. Taraqanyii Barataa Kutaa 12
10. Dararaa Tolasaa Jiraata Magaala
11. Kabbadaa Toleeraa Jirataa Magaala
12. Ashagiree Yilmaa Qoteebulaa
13.Tashoomaa Tasfayee Qoteebulaa kanneen jedhaman kan maqaan nuqaqqabeedha.
Namoonni tikafi waraana Bilxginnaan ukkaamfaman kunneen eessatti akka hidhamaniifi maal irra akka isaan jiraan maatiin isaanii quba hin qabanis jedhu maddeen keenya.