Qondaali ABO Jaal Gadaa Gabbisaatti Dhibeen hammaachuun haala hamaa keessa jiraachuun dhagaa’ame.
(SQ-Ebla 13,2022)
Qondaalli ABO Jaal Gadaa Gabbisaa kan mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Buraayyuutti argamu dhibee tiruu gosa Hepatitis B Viral jedhamuun qabamee jiru waldhaansa fayyaa dhabuu irraan fayyummaan isaa haala hamaa keessatti kufee akka jiru oduun arganne ifa godha.
Midhaanii fi bishaan yo fudhate garaa keessa hin taa’u, ni ba’a; ni qorrisiisa; haalli keessa jiru sodaachisaa dha kan jedhu oduun arganne, dhibeen isaa daran itti hammaachaa jiraachuu hubachiisa.
Jaal Gadaa Gabbisaa qorannoon dhibee isaa dhukkuba tiruu gosa Hepatitis B Viral Positive ta’uu erga mul’isee ykn baramee silaa kan daddaffiin waldhaansa eegaluun irra ture, hanga ammaatti dawaa fi waldhaansa kana faana deemu hin argatin waan jiruuf, bulchiinsi mana hidhaa Buraayyuus ba’ee akka yeroon waldhaanamuuf haala waan hin mijeessineef lubbuu isaatiif haala sodaachisaa keessa jiraachuun baramee jira.
Jaal Gadaa Gabbisaa hidhaa irraa ba’ee akka waldhaanamuu fi lubbuun isaa hafuuf qaamotni adda addaa fi sab-boontotni Oromoo dhiibbaa fi waan danda’an gochuu qabuun dhaamsa keenya.