Ergaa Baga GGO Ebla 15, 2022 Ganna 37ffaa geessanii, Jaallan Hoogganootaa fi Qondaalota ABO Mana Hidhaa Burraayyuu irraa.

SQ-Ebla 13,2022!
Ergaa Baga GGO Ebla 15, 2022 Ganna 37ffaa geessanii, Jaallan Hoogganootaa fi Qondaalota ABO Mana Hidhaa Burraayyuu irraa.

Jaallan Ergaa baga geessanii Ummata Oromoo bal’aa alaa fi keesaaf mana hidhaa Burraayyuu irraa dhaaman,
1. Jaal Mikaa’el Booran
2. Jaal Kennaasaa Ayyaanaa
3. Jaal lammii Beenyaa
4. Jaal Dr. Gadaa Oljirraa
5. Jaal Gadaa Gabbisaa fi
6. Jaal Daawit Abdataati.


Ebla 13 2022

Ummata_Keenya Keesaaa fi Alaa hundaaf!

Hunda dura ummanni keenya rakkoo walxaxaa fi ulafaataa murna Imaayirattii bulchuun isin irra gahaa turee fi jiru,

Doorsifamuu,
Hidhamuu,
Ajjeefamuu,
Mana jieeenyaa waliin Gubachuu,
Qe’ee fi qabeenyaa keessan irraa buqqafamuu hundaa, obsaa fi murannoon keessa dabartanii baga guyyaa Kabajamaa fi Ulfaataa GGO bara kana Ebala 15, 2022 Ganna 37 ffaa geessan, nus bakkuma jirrutti baga waliin geenye jechuu barbaanna.

Itti aansuun, ummata keenya dadhabne, rakkanne, miidhamne, nuu gamte osoo hin jedhin alaa fi keessaan qaamaa qalbiin nu bira dhaabbatee sagalee nuuf ta’aa turee fi jiru ammas galanni keessan Bilisummaa haa ta’u jenna.

Kanumaan waliin Dhaabni keenya ABOn erga bara 2018 qabsoo karaa nagahaa gaggessuuf ummata keenya keessatti deebi’e, Boordii Biyyaalessaa Ethiopia irraa beekamtii argatee osoo jiruu murna maqaa mootummaan Impaayirattii bulchaa jiruun ummata isaa keessatti socho’ee hojii siyaasaa akka hin hojjanne dhoowwameera. Inumayyuu Waajjiraalee isaa hunda saamsuun, miseensa irraa qabee hanga Hoogana mataa dhaabichaa mana jireenyaatti hidhuun roorroon hamtuun dhaaba keenya irra turee fi jiru hedduu nu yaaddesse; falli isaa ummanni keenya dhaabni kun qabsaqwaa fi turee fi jiru qabsoon cinaa dhaabbachuu qofatu fala maayiiti.

Gama biraan, haala ulfaataa fi wal xaxaa keessa jiratan dabalatee lola dachaa ifatti isin irratti labasan irra aanuuf ammallee tokkummaa fi murannoon keessan yoomiiyyuu caalaa amma ta’u qaba.

Xumura irratti, nuti Qondaalonnii fi Hooganoonni ABO Manneen hidhaa garaa garaa keessatti hiraarfamaa turee fi jirru, haalli nuti keessa jirru haala gidiraa fi roorroo hamtuu ummanni keenya keessummeessaa jiru gahuu baatus, Dhiibbaa qaama nu hidheen nurra jiruun, mirgi Dimokiraasii hafanaan mirga namoomaa keenyaa dhowwatamnee dhibee gara garaaf saaxilamnee, mana yaalaas dhoowwatamnee haala hamaa fi rakkisaa keessa jirra.

Akka kanaan, Akkuma kanaan dura sagalee ta’uun nuuf iyyaa turtan Jaallan nu waliin turan keessaa Jaal Battee Urgeessaa, Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi Jaal Gadaa Gabbisaa Dhibee garagaraan dhukkubsatanii, Jaal Battee itti hammannaan mirga wabiin bahuun ni yaadatama.

Ammas nu keessaa Jaal Gadaa Gabbisaa dhibee Tiruun miidhamee rakkataa jira. Jaal Gadaan Mana wal’aansaa geessanii dhibee isaa qoratanii bu’aa qorqnnoo isaatiin, Dhibee Tiruu type B jedhamuun qabamuu isaan Dr. Dawaa ajajeefii akka ciisee liqimsaa yaalamu ajajus, mana hidhaarraa heeyyama bahee wal’aanamuu waan dhabeef akka hamaa rakkachaa jira. Nyaata nyaataa hin jiru, ol guura/ol deebisa, Dawaa fudhate liqimsuuuf iddoon isaa kennataa miti, Haala amma kesssa jiruun Jaalli kun miidhamni isaa sadarkaa lubbuu dhabuutti deema jennee yaaddoo hamaa keessa jirra.

Bifuma wal fakkatuun, Miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO kan ta’e Jaal Abdii Raggasaa Ji’oota hedduu dura mooraa hiraarsaa Galaan Dirree Sololiyatti waliin hidhamaa turree, hooda isaa fi jaallan biroo nurraa baasanii turan. Amma hanga nu mooraa sanaa nu baasan Jaak Abdii kophaa isaa mooraa hiraarsaa sanatti akka deebisantuu dhagahame; Jaal Abdii namarraa kophatti baasanii hieaarsa Sammuu irraan gahaa jiru, iddoon inni jiru ilma namaa mitii bineensaafuu hin hawwamu. Ummanni keenya haala Jaal Abdiin keesaa jiru kana hubachuun caalmatti sagalee ta’uufii qaba.

Walumaa galatti,, Ummanni keenya haala nu keessa jirru kana nu hubachuun Dhiibbaa barbaachisu cufa taasisuun akka Sagalee nuuf taatan gadi jabeesinee isin hubachiifna!

Hoogganootaa fi Qondaalota ABO
Ebla 13, 2022
Mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Burraayyuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *