“Imaanaa Jaallan Irratti Kufanii Ofitti Fudhachuun, Irbuu Keenya Haaromsannee Sagantaa Siyaasaa ABO Jala Hiriirun Hanga Hiree Murteeffannaatti Waraana Bilisummaa Oromoo WBO Dandeetti, Beekkumsaa fi Humnaan Tumsaa Qabsoo Keenya Ni Finiinsina”
Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo sababeeffachuun ibsa ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Finfinnee irraa kenname
Uummanni Oromoo dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee afaan qawweetiin harka alagaa kufeen hanga ammaatti garbummaa jala jira. Oromoon gaafa sirna ofii humnaan dhabee garboometti baraa baratti yaa wal darbu malee bara kamuu tole jedhee fudhatee callisee ittiin bulee hin beeku. Wiirtuu fi waaltan tokkummaa Oromoo yeroo sanaa Sirni Gadaa akka hin cabneef aarsaa guddaa kaffaleera. Lubaan malee qubaan hin bulu jechuun lola guddaa gaggeessaa tureen wareegama guddaa kaffaleera. Lolli Calii Calanqoo, Harka Muraa fi Harma Muraan Aanolee bara 1886 fi bara 1987 keessaa kan jalqabaa yoo ta’u loloonni fi fincilli Raayyaa bara 1928-30, bara 1947 Dawweetti, bara 1943-48 Baddaa Harargeetti deemaa ture wareegama guddaa Oromoo kaffalchiisa ture. Yaa ta’u malee loloonni fi finciloonni baroota kanneenii qindaa’aa hin turre. Qabsoon Oromoo gara tokkummaatti kan siqaa dhufe 1960’oota keessa hundaa’uu Waldaa Wal gargaarsa Maccaa fi Tuulamaati. Hundeeffama Waldaa kanaa booda qabsoon Oromoo guca horachuun waaltawuu eegale. Fedhiin Siyaasaan gurmaa’uu Oromoota hedduu biratti, keessattuu Yuunivarsiitiiwwan keessatti daran jabaachaa dhufe.
Bu’uura kanaan waggaa 100 booda Oromoon garbummaa jalatti kufee dhaabni Siyaasaa ABO bara 1973 wixineeffamee bara 1976 hundeeffame. Sababni dhalachuu fi hundeeffamuu ABO ijoon gidiraa fi cunqursaa gabroomfataan uummata Oromoo irraan ga’aa tureeni. ABO’n hundeeffamee guyyaa Sagantaa Siyaasaa isaa ifatti beeksisuu eegalee rakkoowwan hedduu keessaa fi alaan
keessummeessuu eegale. Kaayyoon qabsoo Addi Bilisummaa Oromoo mirga hiree ofiin murteeffannaa fi mirga abbaa biyyummaa uummata Oromooti. Kun ammoo diinni guddaan dhaaba kichuu kana irratti akka jabaatu taasise. Dhaabni iddoo teessumaa dhabee akka rakkatuu fi akka bittinaa’uuf danqaan itti baayyataa ture. Sababa kanaan hoggantootni dhaabaa gammoojjii biyya keessaa fi alaa keessatti dirqama fudhatanii akka hojjetaniif haalli dirqisiisaa ture. Bu’uura kanaan Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoof sababa kan ta’e hooggantootni ABO bara 1980 Oromiyaa irraa gara Somaaliyaa Moqaadishootti iddoo hojii Waajjira banachuuf osoo imala irra jiranuu:
1. Jaal Magarsaa Barii (Bariisoo Waabee)
2. Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) – Itti Aanaa Hayyuu Duree ABO yeroo sanaa
3. Jaal Abbaa Xiiqii Hinsarmuu (Abboomaa Mitikku)
4. Jaal Doorii Barii (Yiggazuu Bantii)
5. Jaal Falmataa/Umar Caccabsaa
6. Jaal Faafam Dooyyoo
7. Jaal Irra aanaa Qacalee (Dhinsaa)
8. Jaal Dhaddachoo Booruu
9. Jaal Dhaddachoo Mullataa fi
10. Jaal Marii Galaan
Shiftoota Somaaleetiin Ebla 15/1980 Gammoojjii Shinniiggaatti iddoo tokkotti haala suukanneessaa taheen wareegamaniiru. Wareegamni kun adda ture. Guyyaa akka ABO fi uummata Oromootti guyyaa gaddisiisaa ture. Ta’uus wareegamni jaallan kanneenii dhagaa bu’uuraa siidaa bara baraa Oromoo keessaa hin banne kaa’anii darban. Shiftoonni Somaalee amantaadhaan gargar qooduuf yaaltus, isaan Oromoo taanee baanee Somaalee taanee hin gallu, nuti Oromoof baane malee amantaaf hin baane, nu ajjeestanis nu dhiistanis waluma faana raawwadhaa jechuudhaan waan didaniif jechuun amantaaf osoo hin taane eenyummaa isaanii Oromummaaf qofa manaa ba’uu nuuf mirkaneessani darban. Kun seenaa ajaa’iba akka adunyaatti galmee seenaa irratti galma’uu qabuu dha jennee amanna.
Bu’uura kanaan ABOn tumaa Heera dhaabaa 56(2) jalatti tumeen Ebli 15 Guyyaa Gootota Oromoo akka jedhamee yaadatamuu fi Amajjiin 1 bara haaraa fi Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhamee akka yaadatamu murteesse.
Nutis Qeerroon Bilisummaa Oromoo haalli Oromiyaan keessa jirtu yeroo kamuu caalaa ulfaataa ta’us Ebla 15 waggaa 37ffaa bara kanaa Magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinneetti Ebla 13/2022 yaadachuun kabajannee oolleerra. Kaayyoon guddaan kabaja
AL, [4/14/2022 4:32 PM]
yaana kana dhalootni ammaa galfata Abbootii keenya osoo hin nyaatiin, kaayyoo isaan wareegamaniif wal yaadachiisuun imala isaan itti eegalan galmaan ga’uuf irbuu keenya haaromsuun qabsoo nu hafetti galii gochuuf guyyaa waadaati.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo akkuma yeroo kamuu Sagantaa Siyaasaa ABO jala hiriirun hanga bilisummaa fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti qabsoo finiinsuu itti fufna.
Nuti akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti gaafa ayyaana bara kanaa yaadannu duulli waraanaa qindaa’aan sirna Bilxiginnaa RIB, Humnoota Addaa Naannoolee fi Waraana biyya alaa kan Eertiriyaa hirmaachisuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo sakatta’uu jedhuun duguggaan sanyii uummata Oromoo irratti deemaa jiruu fi qabeenyi jalaa barbadaa’aa jiru baay’ee nu gaddisiisera. Yeroo Ayyaana kana kabajnutti daangaan Oromiyaa finxaaleyyii Amaaraatiin cabee lubbuu fi qabeenyi uummata Oromoo saamameera. Kanaaf nutis ajjeechaa fi saamicha uummata keenya irratti gaggeeffamaa jiru of-irraa qolachuuf ykn qabsoo keessatti ga’ee keenya ba’achuuf ibsa ejjennoo armaan gadii baafanneerra.
1. Qeerroon Bilisummaa Oromoo gola Oromiyaa fi addunyaa irra jirtan hundi Guyyaa Gootota Oromoo yaadachuun kaayyoo jaallan itti kufaniif irbuu keessan haaromsuun gidiraa fi cunqursaa uummanni Oromoo keessa jirutti furmaata dhumaaf falma dhumaatiif akka of qopheessitan waamicha goona.
2. Mootummaan Bilxiginnaa duula waraanaa qindaa’aa farra riphee lolaa jedhuun daboo waraanaa biyya keessaa fi alaan maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhuun duguuggaa sanyii fi saamicha qabeenya uummata Oromoo irraan ga’aa jiru akka dhaabu waamicha goona.
3. Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo akkuma kaleessaa irbuu keenya haaromsannee Sagantaa Siyaasaa ABO jala hiriiruun hanga hiree murteeffannaa keenyaatti Waraana Bilisummaa Oromoo dandeetti, beekkumsa diinagdee fi humnaan tumsinee qabsoo waloo finiinsuuf qophii ta’uu keenya firaafis diinafis ibsuu barbaanna.
4. Ummanni Oromoo biyya keessa fi ala jirtan hunduu yeroo kamuu caalaa yeroo waan dandeessaniin wal cinaa dhaabbachuun aggaammii akka Oromummaatti nutti dhufe akka of irraa qolannu waamicha dheeyessaa, faallaa kanaa yeroo Oromoon akka sabaatti ajjeefamaa ,saamamaa, hidhamaa fi qe’ee irraa buqqifamaa jiru kanatti namoonni mooraa qabsoo Oromoo diiguuf erga diinaa beekaas yaa ta’u wallaalummaadhaan fudhachuun Oromoo amantaa fi gandummaan qooduuf yaaltan gocha kana irraa akka of deebistan cimsinee isin gaafanna.
5. Yeroo ammaa daangaan Oromiyaa karaa Godina Shaggar Bahaa, Fantaallee fi Godina Kaaba Shaggar (Salaalee) Aanaa Qimmibiit fi Alaltuutiin finxaaleyyii Amaaraatiin fudhatamaa jiraachuu ni beekama. Gocha kanaa fi badii humni finxaaleyyii Amaaraa daangaa Oromiyaa cabsuun lubbuu namaa baasuun raawwataniif itti gaafatamaan Bulchiinsa Mootummaa Oromiyaa ta’uu nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisu feena.
Kaayyoo Gootata Keenyaa Galmaan Ni Geenya! Goototni Keenya Kudhaama keenya!
Injifannoon Uummata Oromoof
Ebla 14/2022