Dargaggoo Gumii Surichoo Layeefi Galma Taarii Magaalaa Finfinnee keessa tika Bilxginnaan qabamun hidhaman.

 

Dargaggoo Gumii Surichoo Layeefi Galma Taarii Magaalaa Finfinnee keessa tika Bilxginnaan qabamun hidhaman.

(SQ-Ebla 22,2022)

Yeroo adda addatti tika Mootummaa Bilxginnaan qabame hidhama kan ture Dargaggoo Gumii Surichoo Layee fi hiriyyaan isaa Galma Taarii Nuuraa Ebla 20,2022 Magaalaa Finfinnee naannoo Caffee Ananannitti humna tika mootummaa Bilxiginnaan ukkaamfamun dhagaa’ame.

Dargaggoo Gumii Surichoo sagalee uummataa isaa ta’uun rakkoo uummanni Oromoo keessa jiru yeroo yerootti saaxila turee.

Haa ta’uu malee mootummaan Bilxiginnaa yakka tokko malee ukkaamsun erga hidhe booda mana murtiitti dhiyeessun himaata Shororkeessummaa irratti banee jedhu maddeen SQ.
.
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa loojistikiifi haamileen tumsaa jiru jedhun himachuus odeeffanneerra.

Dargaggoo Gumiin barataa Yuunversiitti yoo ta’uu hiriyyaan isaa Galmaa ammoo Barsiisaa Yuunversiitti Booranaa fi yeroo amma barataa Digiri lamaffaa Yuunversiitti Finfinneetti edhu maddeen keenya.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *