(SQ-Caamsaa 3,2022)
Mootummaan Bilxginnaa maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa guutuu irratti lola erga labsee bubbuleera.
Haaluma kanaan Waraanni Bilxiginnaa hojjettoota mootummaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abbaayi Coomman keessa hojjetan Maqaa sakatta’a shanee jedhuun guyyaa 10nif akka deemanii fi Uffata guyyaa 10nif isaan barbaachisullee akka qopheeffatan akkasuma bilbila harkaa qabachuu akka hin dandeenye itti himu dubbatu hojjettoonni.
Akka hojjettoonni Mootummaa kun jedhanitti yoo dinne nu ajjeesu kanaaf lubbuu keenyaaf sodaannee dirqamnee deemaa jirra qaamni Oromoof qabsaawu keessumaa Waraanni Bilisummaa Oromoo kana nuuf beekuu qabas jedhu.
Ogummaa qabnuufi waanta baranneen hojjechaa osoo jirruu dirqamsiisanii qawwee nutti laachuun shanee barbaaddu nuun jechuun waan dabaati kan jedhan hojjettoonni kunneen mootummaan Miindaa keenyas nurraa ciruun Waraana mootummaa gargaaraa nuun jedhan jedhu.
Waraanni Bilxiginnaa maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa keessa bobbaafaman, uummata nagaa hiraarsuu itti fufaniiru.