Miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa (Caucus of Opposition Parties) Jila Gamtaa Awurooppaa Waliin Marii Taasisan
(SQ-Fulbaana 21,2022)
Affeerraa Gamtaa Awuroopaatiin godhameen miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa simannaa waloo Hogganaa Jila Gamtaa Awurooppaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Roolaand Koobiyaa fi Gamtaa Afrikaatti Hoogganaa Jila Gamtaa Awurooppaa Ambaasaaddar Birgitte Markussen guyyaa kaleessaa, Fulbaana 20/2022 Hoteela Hayaat Reejansiitti qopheessan irratti argamanii marii baldhaa taasusanii jiru.
Jilli gamtaa Awurooppaa Hoogganaa Koree Dhimmaa Alaa Gamtaa Awuroppaa Kan ta’an Deevid Mak Alistarii fi Ambaasadar Roolaan Koobiyaatiin kan durfame yoo ta’u miseensota Paarlamaa Awurooppaa 10 of keeasa qaba.
Marii kana irratti Miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa Paartilee Kongirasii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Oromoo,Adda Bilisummaa Ogaadeen, ArenaaTigraay, ,Sochii Biyyoolessa Walaayitaa fi Madrak irrraa bakka bu’an irratti argamanii jiru.
Marii sa’aa 2 ol fudhate akana irratti Miseensonni Gumii dhimma nageenya biyyaa fi walwaraansa Kaaba Itoopiyaa, Walwaraansa Oromiyaa keesaatti gaggeefamaa jiru, ajjeechaa,ukkaamsaa fi hidhaa seeran alaa, buqqaatii ummataa fi beela biyya hubaa jiru irratti ibsa baldhaa kan kennan yoota’u, hawaasni Adugnaa walwaraansa Oromiyaa keessa jiru xiyyeeffannoo gaha kennuufii dhabuun balaa gudda akka qabu hubachiisanii jiru. Akka miseensonni Gumii Paartilee Morkattootaa jala sararanii ibsanitti walwaraansa Oromiyaa fi eddoolee garagaraa biyyattii keessa jiru moggaatti dhiibanii walwaraansa Kaabaa dhaabuun qofa, rakkoon nageenya biyyaa akka hin furamne himanii jiru.
Kanaan walqabates qaamoleen Kaabatti wal waraanaa jiran waldhabdee isaanii caasaa Gamtaa Afriikaa Jalatti araaraan furachuuf tattaffii godhamaa jiru ni deeggaru. Haa ta’u malee mootummaan Eritiraa jiddu lixummaa hin barbaachifne balaafamaa fi birmadummaa biyaaa cabse gochaa jiru kan balaaleffatanii fi kan dhaabbachuu qabu ta’uu himanii jiru. Kanaafis dhiibbaan diipiloomaasii hawaasa adunyaa cimee akka itti fufu gaafatanii jiru.
Gama biraatiin walwaraansi dhaabbatee mariin biyyoolessa hunda galeessa qaama walaba ta’een gaggeefamuun furmaata waara akka fidu ibsanii jiru. Mariin biyyoolessaa waggoota dheeraaf ajandaa paartileen morkattootaa dhaadhessa turan ta’uu isaatiin mariin haqa qabeesaa fi hunda galeessa akka taasifamu fi cehumsi gama diimokraasii akka milkaayu taasisuun kaayyoo ijoo Gumiin Paartilee Morkattootaa ijaarameef akka ta’e hubachiisanii jiru
Haata’u malee akkaataa mootummaan amma itti deemaa jiruun fi koomishinii marii biyyoolessaa walaba hin ta’in haala iftooma hin qabneen hundeessuun mariin bu’a qabeessa rakkoo walxaxaa biyyaatiif furmaataa waara laatu nigaggeeffama abdii jedhu akka hin qabne ibsanii jiru. Kana waan ta’eef Gamtaan Awurooppaa yaada morkattootaa biyya baraaruu danda’u kana cinaa akka dhaabbatuufii deeggaran gaafatanii jiru.
Ambaasaddar Roolaand Koobiyaa fi Deevid Mak Alistar gama isaanitiin walwaraansi itoophiyaa keessa jiru kan daran isaan yaachise, gaaga’ama Gaanfa Afriikaafi dhiibbaa garagaraa Awurooppaa irratti kan fiduu danda’u akka ta’e ibsanii waranni Kaabaafii Oromiyaattis gaggeefamu furmaata atattamaa akka argatu akka hojjatan himanii jiru.
Haaluma kanaan rakkoon siyaasaa waraana dhale akka furamuuf gahe qabeessota ijoo ta’an kan akka Miseensota Gumii Paartilee Morkattotaa, Mootummaa fi humnoota siaaasaa garagaraa waliin akka dhiheenyaan hojjatan eeranii jiru. Itopphiyaan biyya ijoo hariiroo michoomina cimaa Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu waan taatef nagaaf tasgabbii fi sirna diimokraasii dagaage keessatti arguuf hawwii qaban ibsanii jiru.