Gujii Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota 2 Aalbeedhaan Qaluun Ajjeese.

Sagalee Qeerroo Logo

Gujii Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa Dargaggoota 2 Aalbeedhaan Qaluun Ajjeese.

(SQ-Caamsaa 5,2022)

Waraanni Bilxiginnaa Caamsaa 4/2022 Godina Gujii Lixaa Aanaa Qarcaa Ganda Laayyoo Qundhii irraa dargaggoota 2 maqaan isaanii Kidaanee Ejersa Tunuu fi Nugusee Mangashaa Baarudaa jedhaman erga qabeen booda Aanaa Qarcaa Ganda Gurraachuu jedhamutti geessuun haala nama gaddisiisuun Aalbeedhaan qalanii ajjeessan jedhun maddeen SQ.

Haga oduu kana qindeessinettis reeffa isaanii maatii akka dhorkatan odeeffanneerra.

Dargaggoonni ajjeeffaman kunneen siyaasa keessaa nama qooda hin qabneedhas jedhu

Mootummaan Bilxiginnaa maqaa Oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo irratti geggeessaa jiru kan durii caalaa cimsee itti fufeera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *