Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Shawaa Lixaa fi Wallaggaatti Caamsaa 5fi 6 ,2022 namoota nagaa 12 ol ajjeesse.

Waraanni Mootummaa Bilxiginnaa Shawaa Lixaa fi Wallaggaatti Caamsaa 5fi 6 ,2022 namoota nagaa 12 ol ajjeesse.

(SQ-Caamsaa 8,2022)

Mootummaan Bilxiginnaa maqaa Oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa guutuu irratti lola labseen milkaa’uu dhabuun uummata nagaa haala suukanneessaan ajjeesaa jira.

Haaluma kanaan Caamsaa 6/2022 Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo Ganda Haruu Xiroo jedhamutti Maanguddoo Waggaa 70 kan ta’an Obbo Nagaasaa Tolasaa rasaasa itti roobsuun ajjeesan.Obbo Nagaasaan hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qabaniifi jaarsa araaraati jedhu maddeen keenya.

Oduuma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat magaalaa Kaachis ganda 01, naannoo Goojjamee jedhamutti Caamsaa 5/2022 galgala Abbaa Manaa fi Haadha manaa kan ta’an Barsiisaa Geetaachoo Kiisii fi Haadha manaa isaa Barsiiftuu Gannat Birrii badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Akka maddeen keenya keenya nuuf himanitti Barsiisaa Geetaachoon Barsiisaa mana Barumsaa Qophaa’inaa Gindabarat yoo ta’u, haati warraa isaa Barsiiftuu Gannat ammoo barsiiftuu mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gabaa Kamisaati.

Abbaan manaafi Haati manaa Waraana Bilxiginnaatiin ajjeefaman kunneen daa’ima 2 kan qaban yoo ta’u, Barsiiftuu Gannat Ulfa ji’a 7 ta’uu odeeffanneerra.

Barsiisonni kunneen Waggoota dheeraadhaaf magaalaa sana keessatti hojii barsiisummaan saba isaanii tajaajilaa kan turan yoo ta’an, osoo ollaa isaaniiti buna dhuguuf gadi ba’aa jiranii balbala mana isaanii irratti badii tokko malee waraanni Bilxiginnaa rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Caamsaa 6/2022 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Gamosaa Saaxoo jedhamutti dargaggoo Kaasahuun Dirribsaa jedhamu badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Ittuma fufuun Waraanni faashistii pp Caamsaa 6,2022 Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo bakka Yaarer jedhamutti Dargageessa Ol adeemaa maqaan isaa Roobaa Taqabbaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti Roobaan nama siyaasa keessaa qooda hin qabnee yoo ta’u gaaffi tokko malee akka bineensaatti itti dhukaasanii ajjeesan jedhu.

Ittuma fufuun Caamsaa 6,2022 Waraanni Bilxiginnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii magaalaa Haratootti dargaggoo Solomoon Addunyaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan jedhu maddeen keenya.

Haaluma wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Begii magaalaa Kobor keessatti Barataa Seefoo Malaakuu jadhamu haala nama gaddisiisuun rasaasan ajjeesan jedhu maddeen SQ.

Kana malees Caamsaa 6/2022 Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Kiiramuutti Finxaaleyyiin Amaaraa namoota nagaa 5 ajjeessu maddeen SQtti himan.

namoonni ajjeefaman kunneen dhalootan 4 Horroo Guduruu Wallaggaa yoo ta’aan tokko ammoo Wallaggaa Lixaa Gimbiidha jedhu. Isaan keessa kan maqaa arganne Kaalid Mahaammad yoo ta’uu kanneen hafan ammaaf maqaa isaanii hin arganne!

Mootummaan Bilxiginnaa Umurii fi Saalaan addaan osoo hin qoodin Saba Oromoo fi Lammiilee Oromiyaa irratti duula duguuggaa sanyii geggeessaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *