Walitti bu’iinsa amantii Itoophiyaatti mudatee hordofee qorannoon walabaa akka taasifamu UN gaafate
(SQ-Caamsaa 8,2022)
Komishinarri Olaantuu Mirgoota Namoomaa UN Misheel Baachelee walitti bu’iinsa kanaan namoonni 30 du’uu himan
Tibbana Itoophiyaatti walitti bu’iinsota amantii mudateef mootummaa Itoophiyaan qorannoo walabaa, gadi fagoofi ifa ta’e akka taasifamuf Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii(UN) gaafate.
Ibsa gaafa Dilbataa Komishinarri Olaantuu Mirgoota Namoomaa UN baasaniin walitti bu’iinsa Kiristaanota Ortodoksiifi Musliimota gidduu mudateen yoo xiqqaate namoonni 30 du’uufiAkkasumas namoota 100 ol irratti miidhaan dhaqqabuu Misheel Baachelee himaniiru.
Komishinarri Olaantuu UN kuni lubbuun akka baduuf, manneen amantaa akka manca’aniif kannaan badii dalagan seeraan akka gaafataman gochuun haleellaa dabalataa hambisuuf fayyada jechuun jala sararanii ibsan.
Hookkaroota kanneen walqabatee magaalota afuritti yoo xinnaate namootni 578 gadi hin taane poolisiin to’atamuu ibsamuu isaa ibsa baherratti eerameera.
Baacheleet adeemsi seeraa kanneen to’annoo seeraa jala jiran loogii malee seera mirga namoomaa idil-addunyaa bu’uura godhateen akka raawwatu gaafataniiru.
Ergaa isaaniin amantii gidduu walitti bu’iinsi akka hin uumamne ittisuuf mootummaan hawaasa miidhameefi namoota haleellaarra hafan hirmaachisuun taatewwan kanaaf furmaata akka kennu gaafatan.