Kibbaa Bahaa Oromiyaatti Waraanni Bilxiginnaa Qondaalota ABO naannicha dabaltee uummata Nagaa jumlaan hidha jiraachuun dhaga’ame.
(SQ-Caamsaa 11,2022)
Waraanni Paartii Bilxiginnaa caamsaa 9,2022 Godina Arsii Bahaa Aanaa Digaluuf Xijjoo magaalaa Sagureetti gaafatamaa Siyaasaa ABO kan ta’an jaal Ayyuub Nuuroo badii tokko malee ukkaamsuun buufata poolisii magaalaa Adaamaa bakka Migira jedhamutti hidhuun dararaa jiraachuu maddeen SQ maddeen nuuf himan.
Ittuma fufuun Caamsaa 11,2022 Waraanni pp Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaayi Dugdaatti jaal Huseen Uttuyyuu badii tokko malee Mana jireenyaa isaaniitti qabuun, waajjira poolisii Aanaa Zuwaayi Dugdaatti hidhan. Jaal Huseen Uttuyyuu Qondaala fi itti gaafatamaa waajjira ABO Aanaa zuway Dugdaa yoo ta’an kana duras badii tokko malee baatii 6 hidhamuun ji’a tokko dura akka gadhiifaman odeeffanneerra.
Kana malees ilma jaal Huseen Uttuyyuu kan ta’e, Abbittii Huseen Uttuyyuu, nama jireenya dhuunfaa isaa konkolaataa mataa isaatiin baargamoo ijaarsa manaaf oolu, gurguree jiraatu Eebila 28,2022 Waraanni PP badii tokko malee hidhanii jiru jedhu maddee keenya.
Mootummaan paartii Bilxiginnaa hidha, saamichafi duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru kan durii caalaa jabeessee itti fufeera.