Shaggar Lixaa Liiban Jaawwiitti Waraanni Bilxiginnaa Mana Uummataa heddu ibiddaan gube.
(SQ-Caamsaa 20,2022)
Godina Shaggar Lixaa Aanaa Liiban Jaawwii Ganda Haroo Maaramii jedhamutti Caamsaa 20,2022 Waraanni Bilxiginnaa manafi qabeenya uummata heddu ibiddaan barbadeessuu maddeen SQ nuuf himan.
Kana malees waraanni Bilxiginnaa uummata naannicha saalafi umuriin osoo hin qoodin reebicha hamaa irrattu rawwaachus odeeffanneerra.
Guutuu Oromiyaa keessatti Waraanni Paartii Bilxginnaa uummata nagaa ajjeessu, hidhufi manaaf qabeenya uummataa mancaasuu cimsee itti fufeera.