Manni Murtii Ijibbaata Qondaal ABO Kol.Gammachuu Ayyaanaa ammas boritti beellame.
(SQ – Caamsaa 23,2022)
Har’a Caamsaa 23,2022 Mana Murtii Ijibbaata Federaalaatti kan dhihaate qondaalli olaanaan ABO Jaal Koloneel Gammachuu Ayyaanaa har’as dhimmi isaa xumura osoo hin argatin beellama biroo Caamsaa 24,2022 jechuun guyyaa borii, ganama sa’aa 3:00tti ykn ALItti ganama sa’aa 9:00tti beellamamee gara mana hidhaatti deebisamee jira.
Caamsaa 19,2022 Koloneel Gammachuu Ayyaanaa wayta mana murtiitti dhihaatee turetti, Poolisiin Oromiyaa har’atti qaamaan dhihaatee dhimma Koloneel Gammachuun walqabate waan dhihaate irratti deebisaa akka laatu Manni Murtii Ijibbaata Federaalaa Daddacha 3ffaa ajaju iyyuu, Poolisiin Oromiyaa dhaddacha har’aa irratti waan hin argaminiif beellamni Koloneel Gammachuu boritti qabamuu oduun arganne ifa godha.
Gama biraan himatamaa 3ffaan Amanu’el Ijjiguu Margaa lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu isaa mirkaneessuun Abbaan Alangaa Mana Murtiif akka dhiheessu, Manni Murtii irra deebiin Abbaa Alangaa Federaalaa ajajuu isaa oduun kun dabalee hubachiisa.