Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN marsaa 7ffaaf Mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatan.

Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN marsaa 7ffaaf Mana murtii waliigala Oromiyaatti dhiyaatan.

(SQ – Caamsaa24,2022)

Oolmaa dhaddacha mana murtii waliigala Oromiyaa Calcali Caamsaa 24/2022 ooleen,Koreen qindeesituu mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN beellaman mana murtiitti dhihaatanii turan. Yeroo darbe marsaa 6ffaaf dhihaatanii caamsaa 24,2022tti beellamni qabamuun ni yaadatama.

Dhaddacha Caamsaa 24,2022 ooleen Himatni akka Fooyya’ee jiru Biiroon Abbaa Alangaa waliigala Oromiyaa Mana Murtiif Himata sana dhiyeessus Abukaatoon isaanii Immoo himanni fooyya’e hin jiru akkuma duraa ti jechuun waan mormeef beellamni dabalata Marsaa 8ffaaf Gaafa Waxabajji 2/2022 ykn Caamsaa 25,2014tti manni murtii bellama qabe galmee mana galmeetti deebisuun jaallan kunneenis Mana hidhaa Daalattiitti deebifamanii jiru.

Jaallan koreen Qindeessituun Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa kunneen

1)Qaasiim Abdulaahii Abbaa Waarii
2) Seefuu (J Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3)Mahaammad Waadoo
4) Lammii Tasfaayee Baraartii
5)Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abduraahim
6) Mahammad Isaa Yeesuuf
7)Toofiiq Amaan Roobaa
Adiinaan Yoolsuuf Abdoo
9) Najaash Mahammad Amiin
10) Usmaan Adaam Ahimad
11) Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12) Callaa Usmaa’eel
13) Mahaammad Ahimad Mahaammad
14) Dachaasaa Wiirtuu
15) Kadiir Sayiid Jiiloo kanneen jedhaman oggaa ta’an Gaazzexeessitoonni ONN Galmee kana jalatti himataman ammoo
1) Dassuu Duulaa fi
2) Biqilaa Amanuu Abbaa shoomaa ti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *