Wallaggaa lixaa fi Shawaa Bahatti waraanni Bilxginnaa namoota nagaa 4 ajjeessan.
(SQ-Caamsaa 29,2022)
Maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa guutuu irratti yakka duguggaa sanyii rawwaacha kan jiru waraanni mootummaa Bilxiginnaa. Caamsaa 26,2022 Godina wallaggaa lixaa Aanaa Laaloo Assaabii ganda Hordaa Daalattii bakka Beeteroo jedhamutti Dargaggoo Biqilaa Shifarraa jedhamu badii tokko malee itti dhukaasuun ajjeessan jedhu maddeen SQ.
Haaluma wal fakkaatuun caamsaa 24,2022 Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Begii ganda Taajaa bakka Gabaa Arbii jedhamutti waraanni Bilxiginnaa nama Hamzaa Hajii jedhamu gaafii tokko malee rasaasaan ajjeessan jedhu.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Obbo Hamzaan siyaasa keessa qooda kan hin qabnefi erga bultii ijaarate waggaa lama jedhu.
Odumaa walfakkaatun caamsaa 25/2022 Godina Shawaa Baha Aanaa Boosatitti waraanni murna Bilxginnaa nama Abarraa Baarisoo jedhamu osoo inni Magaalaa irra galu karaatti qabun gaafii tokko malee ajjeessan jedhu.
Haaluma wal fakkaatuun Caamsaa 26/2022 Aanaa Boosa ganda dhaddachaa bakka Oromiyaa jedhamutti waraanni Bilxiginnaa namoota horii tikfaat turan irratti dhukaasa banuun namoota lama ajjeessun tokko ammoo qabanii deemu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya jedhanitti namnni qabame deeme sun eessa akkani jirus hin beekamu jedhu.
Oromiyaa guutuu keessatti waraanni Bilxginnaa ilmaan Oromoo ajjeessu, qabeenya uummata gubufi saamu itti fufaniru!