Miseensi Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO Jaal Mikaa’el Booran dhukkubsachuun Hospitaala Poolisii Federaala seenuun dhaga’ame.
(SQ-Waxabajjii 9,2022)
Badii tokko malee mootummaa Bilxiginnaatiin hidhamuun gidirfamaa kan jiran Qondaalonnii Olaanoo ABO, dhukkuboota daddarboo garaa garaaf saaxilamuun yaala dhorkamanii jiraachuu yeroo hedduu gabaasaa turreerra.
Haaluma kanaan Waxabajjii 9/2022 Miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO kan ta’an jaal Mikaa’el Booran dhukkubsachuun hospitaalaa Poolisii Federaalaa seenanii jiraachuu maddeen SQtti himan.
Qondaalonni fi Hoggannoonni ABO Mana hidhaa qajeelcha poolisii magaala Buraayyuu keessatti argaman, yaala dhorkamun haala hamaa keessa kan jiran yoo ta’u Qondaalonnifi Hoggaannooni ABO kunneen
Jaal Abdii Raggaasaa
Jaal Gadaa Gabbisaa
Jaal Kennasaa Ayyaanaa
Dr.Gadaa Oljirraas haala hamaa keessa jiraachuu odeeffanneerra