๐™„๐™Ÿ๐™ค๐™ค ๐˜ฟ๐™ช๐™—๐™—๐™ž๐™ž ๐˜ผ๐˜ฝ๐™Š โ€“ ๐™’๐™–๐™ญ๐™–๐™—๐™–๐™Ÿ๐™Ÿ๐™ž๐™ž 8, 2022

Ajjeechaa Godina Gujiitti Lammiilee Nagaa Irratti Raawwatameef Kan Itti Gaafatamu Mootummaa Dha

๐™„๐™Ÿ๐™ค๐™ค ๐˜ฟ๐™ช๐™—๐™—๐™ž๐™ž ๐˜ผ๐˜ฝ๐™Š โ€“ ๐™’๐™–๐™ญ๐™–๐™—๐™–๐™Ÿ๐™Ÿ๐™ž๐™ž 8, 2022

(SQ – Waxabajjii 08,2022)

Kibba Oromiyaa Godina Gujiitti dhuma torbee dabree tarkaanfii ummata nagaa gabaadhaaf bahe irratti fudhatameen ajjeechaa lammiilee irra gahe Addi Bilisummaa Oromoo ciminaan balaaleffata.

Waxabajjii 4, 2022 lammiilee Oromoo Godina Gujii irraa gabaa Bulchiinsa Naannoo Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatoota Kibba Itoophiyaa Ona Sooyyamaatti argamtu dhaqan irratti haleellaa raawwatameen lubbuun namoota nagaa 10 olii galaafatamuun kanneen 20 caalan ammoo madaaโ€™aniiru. Gabaa Sooyyamaa kanas ummatni Burjii fi Oromootni Godina Gujii nagaan waliin gaggeeffataa kan bahan yoo taโ€™u, shira lammiilee Oromoo irratti fuuleffatamee xaxameen haleellaan raawwatame lubbuu fayyaaleyyii galaafateera.

Godina Gujii keessatti ummanni akka gabaa naannoo isaa keessa jiru hin teenyeef nageenya naannichaa booressee ummata ugguruun akka daangaa ollaatti imalan kan dirqe mootummaa Bilxiginnaa biyyattii bulchaa jiruu dha. Jiraattonni akka qayee ofiitti gabaa hin dhaqanne uggura kaahuun gamatti, ummatoota ollaa barootaaf wa lirraa bitaa fi gurguraa waliin jiraatan faana akka gabaa hin gaggeeffanneefis yakki raawwatame kun, murna aangoo irra jiru gaafatama seeraa jalaa hin baasu.

Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti Guyyaa saafaadhaan ajjeechaa suukaneessaan, barbadaaโ€™insi fi saamichi qabeenya lammiilee akkasumas saboota ollaa gidduutti walitti buโ€™iinsi irra deddeebiin gaggeeffamaa jira. Kanneen lammiilee nagaa irratti yakka kana raawawataa fi raawwachiisaa jiran dabballoota, kaabinoota, waraanaa fi caasaalee mootummichi hanga gadiitti diriirsatee jiruu dha.

Angawootni mootummaa Bilxiginnaa sadarkaa garagaraa irra jiran yakka lammiilee fayyaaleyyii irratti raawwatame kana gara biraatti harkisuuf yaaluun ni mulโ€™ata. Qaamni aangoo mootummaa harkaa qabu kallattii hundaanuu nageenya lammiilee tiksuuf itti gaafatamummaa waan qabuuf, taatee kana gara biraatti harkisuuf yaaluun gonkumaa kan fudhatama qabu hin tahu.

Ajjechaan lammiilee keenya irratti raawwatame qaama fedheenuu haa geessifamuu, nageenya ummataaf wabii tahuun dirqamni kan irra jiru mootummaa dha waan taโ€™eef, isa kana dabsuuf yaaluun fudhatama hin qabu.

Ummatoota lameen jidduutti dabree dabree rakkoon daangaa irratti uumamaa turuun kan beekamu tahus, akkuma aadaatti karaa manguddootaan fixataa akka as gahanii fi amma illee daldalaa fi qonna waluma faana gaggeeffatuun nagaan waliin jiraataa jiran. Mootummaan hidhattootaa fi dabballoota/kaabinoota isaa dabalatee humnoota nageenyaa fi waliin jireenya ummatootaa booressan, lubbuu gaagaโ€™anii fi miidhaa geessisan kamiyyuu dursee toโ€™achuu, ittisuu fi gaafatama seeraaf dhiyeessuun dirqama isaa ti. Kana raawwachuu hanqachuun qaama yakkaa waan nama taasisuuf gaafatama seeraa jalaa isa hin baasu.

Kanneen maqaa humnoota nageenyaatiin bobbaafamanis hojiin isaanii bakka rakkoon akkasii mudatetti wabii ummataa ta’uun miidhaa hambisuu fi yakkamtoota to’atuudha malee, lammii isaanii duโ€™aa fi miidhaa adda addaaf afeeruu akka hin taane hubatamuu dha qaba.

Ummatootni lameen waldhibdeelee xixiqqoo jidduu isaaniitti uumamuu male akkuma aadaa isaaniitti manguddummaan fixataa, waliin jireenya ollummaa fi obbolummaa barootaaf gaggeessaa turan akka cimsatan dhaamna.

Waliigalattis, Ummanni Oromoo fi waliigala lammiileen Oromiyaa akkasumas sabootaa fi sab-lammiileen biyyattii hundi gochaa hammeenyaa raawwatamu kamuu balaaleffachuun akka dura dhaabbatan akkasumas shira bifa adda addaan xaxamu irraa jabinaan of tiksuun, hariiroo obbolummaa fi waliin jireenyaa barootaaf qaban tikfatuu akka qaban ABOn dhaamsa isaa dabarsa.

Addi Bilisummaa Oromoo ammas irra deebiin ajjeechaa naannoo Kibba Itoophiyaatti lammiilee Oromoo irra gaheef gadda isaa ibsataa, warreen yakka kanaan firaa fi maatii dhabaniif jajjabina akkasuma kanneen miidhamaniif fayyaa guutuutti akka deebiโ€™an hawwii qabu ibsa.

Injifannoo Ummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 8, 2022
Finfinnee,

Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *