DACHAASAA WIIRTUU EENYU?

DACHAASAA WIIRTUU EENYU?
===========================
YEROO 4FFAAF HIDHAMEE MANA HIDHAA KEESSATTI DARARAMAA JIRA.
==============
Hundeeffama sochii Qeerroo Bilisummaa Oromoo keessatti koree qindeessaa jalqabaa ta’ee Jaallan isaa waliin sochii jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa keessatti eegala bara 2011 keessa hogganummaa siyaasaan sochii Qeerroo gama hundaan taasisaa osoo jiruu University Harmayaa irraa qabamee waggaa 7 fi walakkaa hidhaan dararamaa turee murtee isaa xumuratee bahe.Ergasiis Bahee osoo hin turiin tikni Sirna TPLF Hordoffii isa taasisuun Marroo lammmaffaf Mana hidhaatti Maayikelaawwi darbatan.turtii muraasaa boodaa maayikelaawwii irraa gara Qiliinxoottii dabarsan.sana booda erga inni Qiliinxoo seenee Himata dhugaa hin qabne itti Saaquun Mana Murtii federaalaa Caffee mudaa(Lidetaatti) himatan. Osoodhuma Himannaa isaa Beellaamaan deddeebi’ee hordofaa jiruu karaa alaan warraaqsi Fincila Xumura garbummaa(FXG) haalaan jabaatee Sirna TPLF kokkee qabuun itti fufe. Fincillichis Hin dhaabbanne itti fufe.yeroo sanatti Aangoon harka Haayilemaariyam Dassaaleny ture.Haayilemaariyam Daassaleny immoo biyya kana hoogganuu waan hin dandeenyeef Aangoo fedha isaatiin gadi akka lakkisu dubbate.erga inni gadi lakkisees Paarlaamaan walgahii Ariifachiisaa isaa taa’een Guddattoota TPLF kaanneen ta’an gara aangootti fide.Silaa sunsuma jijjiiruun ittoo hin mi’eessu akkuma jedhan sana Ofumaa aangoo wal jijjiiran malee ilmoon bofaa bofuma.yeroo sanatti egaa Lammaa Magarsaa perezedaantii MNO ture.Oromiyaa irraas kan bakka bu’ee muummicha ta’ee filatame.Abiyi fi lammaa ture.Abiyi immoo yeroo sana Koree hojii raawwachiiftuu OPDO keessa waan hin turreef akka inni aangootti hin baaneef gufuu itti ta’ee ture.garuu isaan seeraa fi heeraan miti kan aangoo walii kennan.yeroo sana lammaa ture kan Aangoo sanatti dhufuuf qophaa’e ture.Garuu lammaan immoo Abiyi akka inni Muummicha ta’uuf aangoo isaa dabarsee itti kenne.lammaas ta’u Abiyi Kan Tplf jalatti guddatan Oromoof bu’aa isaan buusaan akka hin jirre tilmaamuun nama hin rakkisu. egaa Xumura walgahichaa irrattis Abiyi Ahimed Muummucha ministeera gochuun filan.Abiyis erga aangootti bahee waan akka #jijiirama jedhu tokkon as bahe as bahees burjaajjii guddaa uumuun jalqaba Uummata Oromoobittiin sobuuf #Hidhamtoota Siyaasaaf dhiifamni akka Godhamu dubbate.Namoonni dhiifamni godhameef keessaa #Qeerroo Dachaasaa Wiirtuu isa tokko.Hidhaa waggaa 1n Booda jaalleewwan isaa mana hidhaa waliin turan waliin mana hidhaati bahan.erga bahees hojiilee Dhaabaa isaa kan ABO hojjechaa eegale. Yerootti Hoogganni ABO Asmaaraa irraa Gara biyyaa gale Koree Qindeessituu ta’uun hojjechaa ture.sana booda erga dhaabni galee waajjirri ABO Oromiyaa keessatti banamu eegale. Yeroo kanattis #Dachaasaan Waajjira ABO Damee Godina horroo Guduruu Wallaggaa irratti hojii raawwachiiftuu ta’uun hojjetaa ture.Osoodhuma kanaan jiruu Mootummaan Maqaa jijjiraman of waamu kun Miseensotaa,Hoogganoota fi Deeggartoota ABO Guutuu Oromiyaa irraa mana hidhaatti darbachuu eegale. Kun Osoo jiruu Gaafa hoogganoota dhaabaa #Jaal Abdii Raggasaa mana jireenya isaanii keessatti deemanii qaban Sanas #Dachaasaan birmannaa isaaniif deemee Maarroo 3ffaan qabamee Guyyaa guutuu ganama sa’a 3:00 -11:00* harka isaa duubatti hidhuun Mooraa waajjira poolisii Naannoo sanatti mukatti hidhanii oolchanii galgala gadhiisan.dararaa hamaas irra geessisan guyyaa kana.egaa Sirni TPLf fi Sirni pp’n kun #Qeerroo Dachaasaaf Diina ta’e.Silaa akkuma sirna TPLF Sanaa pp’nis Hordooffii isaaf raftee hin bultu.ammas pp’n #Qeerroo Dachaasaa wiirtuu Sadaasa 16,2021 marroo 4ffaaf Humna tika Mootummaan jaalleewwan isaa waliin ukkaamfamee mana hidhatti darbatame.akkuma Tplf isaan Guddisteetti warri pp’is hidhaa amaleeffatte himata Sobaa itti dhiyeessuun MMWO tti Himata Sobaa itti dhiyeessuun beellama isaa akka hordofu taasiste.#Qeerroo Dachaasaanis Jaalleewwan isaa himtani Sobaa itti dhiyaate waliin Mana murtii waliigala Oromiyaatti deeddebi’ee hordofataa jira.silaa bakka dhugaan hin jirre Sobatu dhuunfata mitiire.
Egaa walumagalatti #Qeerroo Dachaasaa Wiirtuu Umurii isaa ijoollummaa irraa eegalee Qabsoo inni Saba isaa oromoo fi Biyya isaa Oromiyaaf gumaachee fi Gumaachaa jiru kan tilmaame himamu miti.Aarsaa guddaas itti kaffale.Ammas Marroo 4ffaaf hidhamee Mana amala Sirreessaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee Daalattii keessatti argama.Dhugaa saba isaa ifatti halkaniif guyyaa osoo dalaguu kiyyoo diinaatiin sakaalame.
Egaa dhaamsi koo inni dhumaa hidhamtoota siyaasa Kan shiraan Mana Hidhaa bakkeewwaan garaagaratti dararamaa jiraniif sagalee Haa taanu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *