Waraanni Bilxiginnaa Arsii Bahaafi Lixaatti baatii 3 gidduutti daa’ima ji’a lama dabalatee namoota nagaa 74 ol hidhuu ragaan arganne ifa godha.
(SQ-Waxabajjii 14,2022)
Mootummaan Bilxiginnaa Maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa guutuu irratti lola labseen milkaa’uu dhabuun uummata nagaa ajjeesaa, hidhaa, qe’eefi qabeenya isaa mancaasaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya kan yaadatamudha.
Haaluma kanaan Waraanni mootummaa Bilxiginnaa baatii Bitootessa, Eebilaa, Caamsaa fi Waxabajjii gidduutti , Godina Arsii Bahaa fi lixaa aanota kanneen akka Heexosaa, Leemmuuf Bilbiloo, Honqooloo Waabee, Digaluuf Xijjoo, Collee, Xiyoo, Muneessaa, Heeban Arsii, Dodolaa, Zuwaayii Dugdaafi kkf keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhuun uummata nagaa 74 ol hidhuu ragaan galmee hidhamtoota siyaasa kanneeni SQ qaqqabe ifa godha.
Akka ragaan hidhamtoota siyaasa kun mullisutti namoonni hidhaman kunneen maqaa waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu jedhu itti manxasuun yoo ta’u, Hidhamtoota kunneen keessaa namoota 7 irratti murtiin waggaa lama darbee jiraachuus ni mullisa.
Kana malees namoonni kaan beellama mana murtii kan qaban eenna ta’u irra jireessan garuu hidhamtoonni hedduun isaanii seera jala dhokfamuun osoo mana murtiitti hin dhiyaatin hidhaa keessatti dararaa argaa jiraachuudha kan ibsu galmeen hidhamtoota siyaasa kun.
Namoonni hidhaman kunneen daa’ima ji’a lama irra eegalee hangaa maanguddoota fi hawwan umuriin isaanii waggaa 60 olii keessatti argamu.
Daa’imnni ji’a lama haadha isaa waliin hidhamee jiraachuus galmee hidhamtoota kanneenni irra hubachuun danda’ameera.
Mootummaan Bilxiginnaa dararaa gita hin qabne uummata nagaa irratti raawwachaa jiru akkuma itti fufetti jira.