Qondaalli Olaanaan ABO obbo Mikaa’el Booran Wal’aansa Gahaa Dhabuun Dhukkubni Itti Hammaatee jiraachuu maatiin himan.
(SQ-waxabajjii 13,2022)
Qondaalli Olaanaan Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Mikaa’el Booran dhukkubsachuun Hospitaala Poolisii Federaalaa fi Hospitaala Lagahaaritti wal’aanamanis wal’aansa gahaa waan hin arganneef ammallee dhukkubni itti hammaate jiraachuu maatiin isaanii himan.
Obboleettiin Obbo Mikaa’el, Aadde Silgee Baqqalaa, Mikaa’el hedduu dhukkubsatee ture, Hospitaala Poolisii Federaalaa fi Lagahaaritti geeffamee ilaalamuus fooyyee tokkollee osoo hin agarsiisiin gara buufata poolisii itti hidhame jirutti deebi’ee ciisaa akka jiru Addis Standarditti himteetti.
Qondaalli ABO kun erga yeroo jalqaba qabamanii Caffee Tumaa (Siddist Kiiloo) lafa jalatti hidhamanii miidhamanii turan. Boodarras Galanitti dhokfamanii hidhamuun hedduu miidhaman haalli fayyaa isaanii gaarii akka hin turree fi wal’aansa osoo hin argatiin turuu kan himtu Silgeen, “Yeroos akka isaan wal’aansa argatan, Komishinii Poolisii Oromiyaas kadhanne turre garuu dhowwan, sun hundu itti dabalamee amma baay’ee miidhamamanii jiru,” jette.
Haala ammaQondaalli ABO obbo Mikaa’el keessa jiran yoo ibsitu, “Baay’ee na dhukkuba, naannoo kalee koorraa natti dhagahama, harka koo isa bitaa fi miila koos na hidhu barbaada, narra bubbuleera” naan jedhe ture jetti Adde Silgeen.
Haa ta’u malee dhuunfaan akka hin yaalamneef poolisiin dhowwuu himti Silgeen. “Dhukkubni itti cimee laafee jennaan poolisiin guyyaa Roobii (Waxabajjii 8) gara Hospitaala Poolisii Federaalaa geessan. Achirraa ammoo qorannoo dabalataaf gara Hospitaala Lagahaaritti ergame, achiis argu hin dandeenye bor deebi’ii jedhaniin. Kamisas deebisanii geessanii bu’aa qorannoo ‘Altrasound’ ilaalamee qoricha wayii kennaniifi wanti sodaachisu hin jiru yoo si dhiisu dide deebite dhufta jedhani gara mana hidhaatti deebisan,” jechuun haala ture ibsite, Silgeen.
“Erga mana hidhaatti deebi’ee boodas hanga ammaa dhukkubni itti cimee ciisaa jira. Maatii isa ilaaluuf dhaqeeyyuu ol jedhe dubbisu hin dandeenye. Warreen isa waliin hidhaman Obbo Kennasaa Ayyaanaa faa akka ol isa deebisaa jiru nutti himan,” jette Silgeen.
Yeroo ammaa kana “akka barbaadan jedhamu baatuus” bakka inni itti hidhame jiru buufata poolisii Buraayyuutti deddeebi’uun haala inni fi waahilloota isaa itti jiran hordofaa akka jiran kan himte obboleettiin Obbo Mikaa’el Booran, miidhaa qaamaa fi haala qabiinsa badaa dura isaan mudachaa ture amma akka hin jirreefi, yeroo ammaa kana garuu mana hidhaa keessatti qoorri itti hammaachaa akka jiru akka itti himan dubbatti. Kana malees manni murtii si’a sadi bilisa erga isaan baasee booda himannaa tokko malee seeraan ala hidhamanii akka jiran yaadachiiste jirti.
Abukaatoon isaani Tulii Baayyisaa gama isaatiin yaada Addis Standarditti laateen yeroo ammaan kana qondaalotni ABO torba himannaa tokko malee mana hidhaa buufata Poolisii Buraayyuutti akka argaman himaniiru. “ ObboMikaa’el Booran fi Obbo Kennasaa Ayyaanaa ammoo Abbaan Alangaa waan isaan himachiisu hin jiru jechuun galmee isaani erga cufe waggaa lama guutuufi.”
Qondaalotni mana murtiin bilisa bahan akka hiikamaniif dhamahuu kan eere Tuliin, “Bakka nuti hin iyyanne hin jiru. Mana Murtii sadarkaa sadarkaan jiran hanga mana murtii waliigalaa Oromiyaatti iyyannee manni murtii akka isaan gadi lakkifaman ajajeera. Komishinii Poolisiittis iyyanneera. Akkasumas jarreen kun kan himataman labsii farra shororkeessummaan waan ta’eef dhimmi kun kan isa ilaallatu Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa hordofee yoo yakka qabaatan akka himataman, himannaan irratti hin dhiyaatu taanaan ammoo akka gadi lakkifaman jenne jechaanis barreeffamaanis iyyanneerraa, garuu deebii hin arganne” jedhe.
Dabaluun, “Manni murtii bilisa jedheera, Obbo Mikaa’el Booran fi Obbo Kennasaa Ayyaanaa abbaan alangaa kan isaan himachiisu hin jiru haa hiikaman jedheera. Poolisiin maal na dhibdeedhaan isaan hidhe jira” jedhe.