Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Magaalota Gurguddaa Godinaalee lama seenuun haleellaa jabaa geeggeessa jiraachuun beekame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa Magaalota Gurguddaa Godinaalee lama seenuun haleellaa jabaa geeggeessa jiraachuun beekame.

(SQ-Waxabajjii 14,2022)

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii lixaa guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 14,2022 magaalota gurgurddoo Godina Wallaggaa lixaafi Qellem Wallaggaa dabalatee aanalee fi gandeen godinaalee kanneenii hedduu seenuun haleellaa geeggeessaa jiruun magaalota hedduu to’achuu akkasuma magaalaa guddoo naannoo Gambeellaa seenuun gandoota 5 dabalatee Godinalee fi Aanalee Naannichaa hedduu WBOfi Waraanni bilisaa baasa Gambellaa to’achuu SQ odeeffateera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii magaalota kanneen seenuun Waraana Bilxiginnaa irratti fudhachaa jiruun Magaalaa Dambi Doolloo keessa hidhamtoota Siyaasaa 400 ol yoo hiiku, konkolaataa fi Mooraa ykn Kaampii Bilxiginnaa hedduu booji’uun reeffi Waraana Bilxiginnaa Hospitaala guutee jira jedhu maddeen keenya.

Haaluma Wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo Magaalaa Gimbii Seenuun tarkaanfii guddaa Waraana Bilxiginnaa irratti fudhachaa jiruun, Waajjira Poolisii magaalichaa guutummaan guutuutti to’achuun hidhamtoota siyaasaa lakkoofsaan hedduu ta’an hiikuun qabeenya Waraana Bilxiginnaa hedduu ta’achaa jiraachuun beekameera.

Haaluma Wal fakkaatuun Waraanni Bilisummaa Oromoo fi Waraanni Bilisa Baasaa Gambeellaa wal ta’uun ganamaan magaalaa Gambeellaa Seenuun tarkaanfii Waraana Bilxiginnaa irratti fudhachaa jiraniin haga oduu kana qindeessinetti gandoota magaalaa Gambellaa 5 akkasuma Godinalee fi aanalee naannichaa hedduu to’achuun baakameera.

Mootummaan naannoo Gambellaa ibsaa har’a ganama baasen haleellan magaalicha keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi humna bilisa baasa Gambellaa irratti rawwaacha jiraachu amane jira.

Tarkaanfii Waraanni Bilisummaa Oromoo haga ammaatti fudhachaa jiruun Waraana Bilxiginnaa iraa hedduun ajjeefamuun mootummaan Bilxiginnaa kasaaraa guddoo keessummeessaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *