Bilxginnaan miseensota ABO hidhu jabeessee itti fufee.
(SQ- Waxabajjii 21,2022)
Kibba Baha Oromiyaa Godina Arsii lixaa Ona Shaashamannee Magaalaa Shaashamaneettii miseensota ABO kanneen ta’an maatii mana tokkoo haadha warraa fi Abbaa Warraa ijoollee isaaniii lama waliin mana tokko keessaa namoota 4 jumlaan hidhutuu dhagahame.
Akka maddeen dabaluun addeessanitti, sababa tokkoon alatti Madiinaa Tunbushii haadha warraa Gammadaa Gurruu, abbaan warraa ijoollee isaanii Fiqaaduu Gammadaa fi Muktaar Gammadaa waliin Waxabajjii 19, 2022 Godina Arsii lixaa Ona shaashamanee ganda Araadanoo shifaa irraa badii tokko malee marsaa 3ffaaf waajjira poolisii Ona shashamanneetti hidhamaniiru.
Maatiin kun maqaa Miseensota ABO ta’aniif irra deddeebiin yeroo gara garaatti hidhamaa turan jedha odeessi maddeenii.