Magaalaa Viiktooriyaatti Waxabajjii 29 Guyyaa Oromoo jedhamuun moggaafame.

Magaalaa Viiktooriyaatti Waxabajjii 29 Guyyaa Oromoo jedhamuun moggaafame.

(SQ-Adoleessa 1,2022)

Biyya Kaanaadaa, Kutaa British Colombia’tiif magaalaa guddoo kan taate, Magaalaa Viiktooriyaatti, Waxabajjiin 29 Guyyaa Oromoo jedhamuun moggaafame.

Waxabajjiin 29, Guyyaan Wareegama Artist Hacaaluu Hundeessaa, waggaa waggaan guyyaa Oromoo jedhamuun akka yaadatamuuf gaaffii dhalattoonni Oromoo garas jiraatan dhiyeeffatan bu’uura godhachuun, Bulchiinsi magaalichaa guyyaa kana guyyaa Oromoo jechuun moggaasee, beekamtii kenneeraaf.

Dhalattoonni Oromoo guyyichi Guyyaa Oromoo jedhamee akka moggaafamuuf tattaaffii taasisaa turanis, murtoo kanatti gammaduu ibsuun, Miseensa mana maree magaalaa Viiktooriyaa Sharmarkee Dubow fi Kantiibaa Liisaa Helpis labsii kana deeggaran galateeffataniiru.

Dhalattoonni Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraa keessa jiraatan, Qabsoo Oromoo bifa garaagaraan deeggaruu fi ummatichaaf sagalee ta’uun miidhamasaa addunyaatti mul’isuuf hojii itti fufiinsaan hojjetaa jiraniin cinatti, Ambaasaaddara ummata isaanii ta’uun ummaticha sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojiileen hojjetaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uu, namoonni murtoo kanatti gammadan ibsaniiru.

Hojiileen ummata ofiif ambaasaaddara ta’uun sadarkaa addunyaatti beeksisuu, darbees qabsoo hawaasichaa deeggaruu, hawaasichaaf sagalee ta’uun rakkoolee biyya keessatti ummaticha mudataa jiranitti xumura gochuu, fuulduraafis jabaatanii akka itti fufu gaafataniiru

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *