๐–๐š๐ซ๐š๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐‡๐š๐ฅ๐ž๐ž๐ฅ๐ฅ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‡๐ข๐๐๐š ๐†๐š๐-๐‰๐š๐›๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐ž๐ž ๐ˆ๐›๐ฌ๐š ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

๐–๐š๐ซ๐š๐š๐ง๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐‡๐š๐ฅ๐ž๐ž๐ฅ๐ฅ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐‡๐ข๐๐๐š ๐†๐š๐-๐‰๐š๐›๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐œ๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ฎ ๐ˆ๐ฅ๐š๐š๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐ž๐ž ๐ˆ๐›๐ฌ๐š ๐€๐๐๐š ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ

๐€๐๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐Ÿ, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ

Walitti buโ€™insaa fi wal-waraansi gaanfa Afirikaa tibbana sadarkaa yaaddessaa irra gaโ€™ee jira. Naannicha keessatti bakka tokkotti rakkoon yoo dhalate iddoo biraattis rakkoo uumuudhaan wal harkisee babalโ€™achaa deema. ABOn dhimmi kun of eeggannoo fi hubannaadhaan qabamuu qaba jedhee amana. Haatahu malee gaggeessitoonni Paartii Bilxiginnaa adeemsa maal na dhibdee deemaa jiru. Dararami, duuti, buqqaafamuu fi beellii uummataa bartee jireenya guyyaa guyyaa uummatichaa taโ€™ee jira. Dogoggorama baroota darban raawwatamaniif qaamni yaade ammallee hin jiru.

Tibbana pirezidantonni Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Baahirdaaritti walgaโ€™anii mariโ€™achuudhaan โ€˜Riphe loltootaโ€ Oromiyaa keessa jiraatan kan isaan โ€œOneg Shaneeโ€ jedhanii waaman irratti waraana labsanii jiru. Kanumaan Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa meeshaalee gurguddoo hidhatan Naannoo Amaaraa irraa kallattii garaagaraan Oromiyaa seenaa jiru.

Rakkoo maddi isaa siyaasa taโ€™eef deebii akkanaa marsaalee hedduu deddeebiโ€™anii yoo kennan yooimyyuu fala hin taane. Tarkaanfii akkanaa marsaa marsaadhaan deddeebiโ€™ee fudhatamaa tureen uummata nagaa, daaโ€™โ€™imman, dargaggoota, namoota raagan fi dubartootatu ajjeeffama, mana namoota nagaatu gubama, midhaan oyiruu fi gumbii keessatti mancaafama, namootatu qeโ€™ee fi qabeenya isaanii irraa buqqaafama. Yeroo kanatti Itoophiyaan baayโ€™ina namoota biyya isaanii keessatti qeโ€™eef qabeenya isaaniirraa buqqaafamaniin sadarkaa jalqabaa irratti argamti. Namoonni kumootaan lakkaaโ€™aman beelaโ€™anii jiru. Ongeenis hammaachaa jira. Rakkoolee kanneen humna waraanaan furuuf yaaluu buโ€™aa tokkollee hin qabaanne waggoota 50 darban arginee jirra. Keessumaa ammo yeroo ammaa kana humna waraanaatiin rakkoo siyaasaa biyyattii furuuf yaaluun balaa baayโ€™ee hamaa taโ€™e qabatee dhufa.

Waan kana taโ€™eef pirezidaantonni naannolee lamaanuu tarkaanfii lola labsuu kanarraa of qusatanii, marii fi karaa nagaatiin rakkoo jiru furuuf akka hojjetan waamicha goona. Kana taโ€™uu baannaan dhiigga dhangalaโ€™uuf deemuu fi rakkoo inumaa uummata gidduutti hammaachuuf jiruu, dararamaa fi buqqaafamuu uummata nagaa kanaan walqabatee dhufuuf gaggeesitoota kanneentu itti gaafatama.

Naannooleen Itoophiyaa biroon dantaa waliinii, obbolummaa, hariiroo fi nagaan waliin jiraachuun uummata sabaaf sablammoota biyyattii gidduu jiru akka hin boorofneef gocha kana keessatti akka hin hirmaanne hubachiifna.

Injifannoo Uummata Balโ€™aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Adoolessa 2, 2022
Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *