Komishiniin poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa Hogganootaafi Qondaalota olaanoo ABO mana murtitti dhiyeessuu dide.
(SQ – Adoolessq 04,2022)
Akka Ajaja Mana Murtiitti osoo ta’ee silaa har’a Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman Mana Murtiitti dhihaachuutu irra ture.
Komiishiniin Poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa Waxabajjii 22, 2022 Hogganootaa fi Qondaalota ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman Buraayyuu Ona Sadaffaatti kan argamu Mana Murtiitti akka dhiheessan Manni Murtii ajaju iyyuu osoo hin dhiheessin hambisuun seera cabsan. Manni Murtii Adoolessa 04,2022 har’atti akka dhiheessuu qaban ajaja biraa itti dabarse.
Har’as Komiishiniin Poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa Hogganootaa fi Qondaalota ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman akkuma yeroo darbee Mana Murtiitti osoo hin dhiheessin hafuun irra deebiin seera cabsan.
Har’as Manni Murtii qaama olaantummaa seeraa hin kabajne, seera irra deemuuf Adoolessa 14,2022tti akka seeratti dhiheessan ajaja dabarse. Ajaja, Ajaja, Ajaja! Beellamaa fi Ajaja xumura hin qabne!
Mootummaan Bilxiginnaa waa’ee Olaantummaa Seeraa eeguu/kabajuu guyyaatti yeroo kumaa ol ummatootatti lallaba. Karaa miidiyaa, barreeffamootaa fi haasaa afaaniin waa’een Olaantummaa Seeraa sirna Bilxiginnaa irraa dhaga’amu gurra nama duucha. Hojiin garuu hin jiru. Seera kan hin eegne, kan cabsuu fi akka ofiif barbaadetti gara irra fedhetti kan jijjiiree dhimma itti ba’u garuu sirna Bilxiginnaa ti.
Dabi Hogganootaa fi Qondaalota ABO mana hidaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman irratti raawwatamaa jiru Bilxiginnaan seera cabsaa jiraachuu fi seerri karaa haqaa fi qulqulluu ta’een akka hojii irra hin oolle gufuu ta’uu isaa agarsiisa. Kana irra darbees seeraaf kan hin bulle, sirna akka feetee ta’uu isaa agarsiisa. Seera hojii irra oolchuun hundaan olitti isa ta’uun kan irra ture mootummaan kun, faallaa isaa seera diiga. Kanaafi biyya kanatti seeratu nama bulcha osoo hin taane, namatu seera bulcha kan jenneefis.
Hogganootaa fi Qondaalota ABO mana hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman:
Jaal Abdii Raggaasaa
Jaal Mikaa’el Booran
Jaal Kennasaa Ayyaanaa
Jaal Gadaa Gabbisaa
Jaal Lammii Beenyaa
Jaal Dr.Gadaa Oljirraa fi
Jaal Daawit Abdataa ti.