Mootummaan Hooggantoota fi Miseensota koo hidhuu, ukkaamsufk doorsisuu hammeessee jira jedhe KFOn.
(SQ-Adoleessa 3,2022)
KFOn ibsa har’a baaseen, mootummaan biyya bulchaa jiru akkasumas caasaa fi deeggartoonni isaa adeemsa qabsoo keenyaa karaa nagaa jeequuf socho’aa jiru jedhe.
Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti hidhaan, ukkaamsaa fi doorsifni hooggantootaa fi miseensota isaa irratti raawwatamaa jiraachuu KFOn beeksiseera.
Goyyoota sadii dura miseensi koree hoji raawwachiiftuu isaa doktar Amaan Kinniisoo magaalaa Cirootti nama gaafachuu buufata poolisii dhaqanii achumaan qabamuu eere.
Hooggansi isaa kun hanga ammaa mana murtiitti akka him dhihaanne KFOn himeeti jira.
Gochi akka kanaa godinaalee Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Baale Bahaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa, Boorana, Jimma, Harargee Bahaa fi Gujiitti irra deddeebiin raawwatamaa turuu KFOn beeksiseera.
Mootummaan gochaa kana irraa akka ofqusatus hubachiiseeti jira.
Uummanni Oromoo sirna ukkaamsaa kana hundee irraa jijjiiruun sirna demokiraasii haqaa diriirsuuf sochii qabsoo karaa nagayaa bal’aa godhamuuf akka ofqopheessu yaqmicha dhiheessina jedhe Koongirasiin Federaalawaa Oromoo