Naqamteetti Waraanni Bilxiginnaa Namoota 3 mana hidha keessa baasun ajjeesse.
(SQ-Adoolessa 05,2022)
Ilmaan Oromoo Mana hidhaatii baasanii Ajeesuun direetti gatuun ammallee akkuma itti fufetti jira.
Lixa Oromiyaa Godina Wallaggaa Bahaa Magaalaa Naqamteetti ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniin murna Biltsiginnaan yakkamuun erga toohannoo seeraa jala oolanii booda, mana hidhaatii baafamanii Jumlaan akka RASHANAMAN maddeen ijaan argan SQtti himan.
Akka maddeen ijaan argan kun suuraa hidhamtoota rashanamanii waabeffachuun addeessanitti, hidhamtoonni kunneen magaalaa Naqamtee waajjira tikaa ykn dehininnetii magaalaa Naqamtee keessaa baafamaniiti kan rashanaman.
Gochaan garjabinaa hammeenyaan guutame kun murna biltsiginnaan kan ilmaan Oromoo irratti raawwate gaafa guyyaa Waxabajjii 13, , 2014 E.C halkan keessa sa’aatii 2:00pm/8:00 pm irratti mana hidhaarraa baasuun Ona, WAAYYUU TUQAA fi SIIBUU SIREE daangessu Ganda GULLISOO bakka KIREECHARII jedhamutti geeffamuun rashanaman jedhu.
Turtii torbaan lamaa keessatti namoonni mana hidhaatii baafamanii ajjeefamuun iddoo KIREECHARII kanatti gataman lakkoofsaan kudha tokkoo (11) ol akka ta’an maddeen dabaluun addeessaniiru. Namoota achitti geeffamanii ajjeefaman keessaa ammatti kan maqaan isaanii barame. Waalelliny Eeleyaas( Maammush Eeleyaas ) jedhama kana malee namnni tokko magaalaa SIREE irraa dhufuu maddeen ijaan suuraa sana argan mirkaneeffataniiru. Haa ta’u malee maqaan isaa adda hin baane.
Namoota rashanamanii bineensaan nyaatamuu irraa hafuun reeffi isaanii dirree irraa mul’atan keessaa Maammush Eeleyaas abbaan Shaamizii iskuweerii nama tokko, Maammush abbaa ilma tokkooti; Maammush kan hidhame gaafa 02, 10, 2014 buufata Konkolaataa/awutoobisii fuulduratti baajaajii keessatti namuma nagaan karaa isaa deemaa jiru qabatanii reebaa hidhaatti galcha jedhu maddeen gaafa qabamuu isaa ijaan argan. Gaafuma mana hidhaa isa geessan sana Manni isaas sakatta’aamee harka isaarrattis osoo homtuu hin argamin dararaan hamaa eega irratti raawwatamee booda haadha manaasaa hidhanii isa ammoo akkuma reeffi isaa mul’atu kana baasanii ajjeesanii gatan jedhu maddeen dabaluun.
Jarreen kun akka ajjeefamaniif murtii kan laatan keessaa wal duraa dubaan,
1. Hogganaa qajeelcha poolisii godinaa,
2. Hogganaa tika finfinnee,
3. Hogganaa poolisii magaalaa Naqamtee,
4. Bulchiinsaa fi nageenya godinaa fi
5. Bulchiinsa magaalaa Naqamtee akka ta’an icciitii waajjira isaanii keessaa baheen bira gahuun danda’ameera jedhu maddeen sodaa nageenyaaf akka maqaan isaanii hin dhahamne dubbatan