#Hidhaa
Daa’ima waggaa 12 Abbaa kee fidi jechuun qaamotni Nageenyaa #Matakkalitti hidhan.
Godina Matakkal Ona Dibaaxii ganda Somboo Siree jedhamutti namootni nagaan humnoota nageenyaan qabamanii hidhamuun dararamaa jiru.
Akka maddeen naannichaa nuuf himanitti daa’ima waggaa 12 dabalatee manguddoon waggaa 80 Torban sadii oliif mana hidhaa magaalaa Gaalessaa jedhamu keessatti hidhamanii jiru.
Daa’ima waggaa 12 Firoomsaa Addunyaa jedhamu Abbaa kee barbaadna waan taheef isa fidi hanga inni dhufutti ati ni barbaadamta jedhanii hidhanii jiru.
Namootni hidhaman kunneen hanga ammaatti mana murtiitti kan hin dhiyyaanne tahuus beekameera.
1 Darajjee Garbii
2 Germoosaa Garbii
3 Jaarraa Biiftuu
4 Amsaaluu Bareedaa
5 Kabbadee Ciibsaa
6 Firoomsaa Addunyaa daa’ima waggaa 12 Yoo tahu namootni biroon Maqaan isaanii nun qaqqabne akka jiran beekameera.