Wallagga Bahaatti Waraanni Bilxiginnaa uummata nagaa 6 ol ajjeesuun dhaga’ame.
(SQ-Adoolessa 21,2022)
Waraanni paartii Bilxiginnaa Adoolessa 20/2022 Godina Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaa maagaa gaalloo keessatti dhalataa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Gabaa Sambataa kan ta’e dargaggoo Daawwit Mizgaanuu haala suukanneessaan ajjeesuu maddeen SQ nuuf himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Dargaggoo Daawwit mizgaanuu nama siyaasa keessaa qooda hin qabne ta’uu himuun, Waraanni Bilxiginnaa badii tokko malee bakka hojii isaatii erga qaban booda boolla qochisiisuun ajjeesanii, boolluma inni qotetti awwaalan jechuun miira gaddaan dubbatu.
Haaluma Wal fakkaatuun Waraanni Bilxiginnaa Godinuma Wallagga bahaa aanaa Saasiggaatti uummata nagaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jechuun hidhamanii waajjira poolisii turan, mana hidhaa keessaa baasuun haala suukanneessaan rashanan jedhu maddeen keenya.
Namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabneefi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabanidha kan jedhan maddeen, maqaan namoota kana haga oduu kana qindeessinetti adda hin ba’in jiraachuu nuuf himan.
Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Aanaa Saasiggaatti qabeenya uummataa kanneen akka loonii, qabeenya Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun guyyaa saafaa konkolaataatti fe’atanii deemuu odeeffanneerra.