Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 2 ajjeesuun dhaga’ame.

Shawaa Lixaatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa 2 ajjeesuun dhaga’ame.

(SQ-Adoolessa 26,2022)

Waraanni faashistii Bilxiginnaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo isa dhumaaf balleessuu jedhuun duula duguuggaa sanyii Saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa akka jiru irra deddeebiin gabaasaa jiraachuun keenya beekamadha.

Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Shawaa Lixaa aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu bakka Muudee jedhamutti uummata meesha maleeyyii nama lama badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti, namoonni waraana Bilxiginnaatiin ajjeefaman kunneen namoota siyaasaa keessaa qooda hin qabne yoo ta’an, inni tokko tikee loonii yoo ta’u bakkanni loon tiksutti rasaasaa itti roobsuun yoo ajjeesan inni kan biraan ammoo sagalee rasaasaa dhaga’e osoo baqachaa jiruu akka bineensaatti ajjeesan jechuun miira gaddaan dubbatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *